Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti hidhaa fi saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwate

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Impaayera safuu fi kabajni ilmoo namaaf malu dhibe keessatti hawaasni danqaa fi gadadoo Jireenyaa arguun itti fufee mul’ataa kan jiru Itoophiyaa keessatti saamichi daangaa darbee fi hidhaan hawaasa nagaa irratti adeemsifamaa jiru jabaatee jira.

Akkuma kanaanis Guraandhala 30, 2024 godina lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Waaccuu Limaay keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaa kan maqaan isaanii armaan gaditti heerame: obbo Shimallis jalaa dukkaana keessaa meeshaa qarshii 3400, Abaadi Jamaal, Zannabaa Ballaq, Aammee Aliyyii, Awwal Umaree fi Haroon Dhukkisoo kaneen jedhaman jalaa midhaan kuntaalaa 18, bilbila harkaa 1, walii galatti maallaqa qarshii 100,000 fi re’oota 14 akka saaman jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Oduu biraatiin ammoo ganduma Waaccuu Limaay keessaa Bitootessa 1, 2024, dargaggoo maqaan isaa Sheeyibii Mohaammed, aadde Faamiyaa Indiris, aadde Sittii Abdullaa qabuun yakka tokko malee reebicha irratti erga taasisaniin booda qabuun hidhanii akka jiran beekameera.

Exit mobile version