ONM- ABO Bitootessa 18, 2024
Gareen faashistii PP Oromiyaa guutuu keessatti duula ajjeechaa uummata nagaa irratti labsee kan jiru yoo ta’u, namoonni nagaanis bakkeewwan hedduutti haala sukkanneessaan hidhattoota sirnichaan ajjeefamaa jiru.
Godina Harargee lixaa magaalaa Ciroo keessatti Bitooteessa 14, 2024 abbaa maatii nama maqaan isaa Muhaammad Usmaan jedhamu badii tokko malee gara jabummaan reebicha ulfaataa fi albeeniin cicciruun ajjeesuu jiraattotni dubbatu.
Murni naatoo dhala namaatiif hin qabne kun abbaa maatii nama Muhaammad Usmaan jedhamu kana torban tokko dura ilma isaa ilaaluuf Wallaga bahaa aanaa Saasiggaa deemee deebi’aa utuu jiruu achi deemtee WBO gargaartee dhufte jechuun maallaqas qarshii 2000 irraa saamuun ajjeesan jechuun, nama kanas reeffi isaa iddoo Dhaloota isaa aanaa Doobbatti galchanii awwaalani jiraachuu jiraatotni aanaa doobbaa Arraata biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

