ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023
Gidiraan loltoota murna bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti adeemaa jiru Oromiyaa keessatti kan ija addunyaa jalaa dhokatee fi egeree sabichaa yaaddesse yoo ta’u uummatichis afaan qawween doorsifamaa jiraachuu fi gochaa isaa malee ajjeechaa jumlaa dabalatee qabeenyi isaa gubachuun, akkasuma hidhaa jumlaan hiraarfamaa jira.
Aanaa Ciroo ganda Najabaas iddoo addaa Jalloo jedhamutti mana qonnaan bultootaa abbaa fi ilmaa gubanii yoo barbadeessan, isaaniiniis fuudhanii mana hidhaa kan galchan yoo ta’u, maqaan abbaa fi ilmaa kunis Abiraam Bakaree fi abbaa isaa Bakaree badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkuun hidhanii dararaa jirus jedhan.
Akkasuma aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa keessatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti hammaachuun torban tokkoo asitti qofa namoota ja’a qabuun mana hidhaa magaalattii keessatti hidhuun dararaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa nama Bukuraa Muhaammad, Hamad jedhamu seera malee qabdanii fiddan jechuun achuma magaalichatti hambisuun, namoota shan ammoo Onkoloolessa 21, 2023 gara mana hidhaa magaalaa Baddeessaatti dabarsanii jiru jechuun maddeen ONMtti himan.
Akkasuma aanicha keessatti milishootaa fi waraana sirnichaan saamichi hawaasa nagaa irratti halkan dawoo godhachuun geggeeffamaa jiru kan uummaticha yaaddessaa jirus jechuun dabaluun ibsaniiru.

