ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Muddama hamaa keessa galuun murni bilxiginnaa xiqqaa guddaa osoo hin jenne dararaa hawaasa irraan ga’u jabeessuun namoota maatii isaanii hojii qonnaa hojjechuun jiraachisan qabee mana hidhaatti galchee jireenya isaanii mana hidhaa taasisuun maatii beelaa fi rakkinaaf saaxilaa jira.
Haaluma kanaan Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum fi Ciroo keessatti namootni siyaasa keessaa hin qabne maqaa WBO deggartuun ragaa qabatamaa hin taaneen qabamanii mana hidhaa keessatti murtii seeraa malee dararamaa akka jiran maddeen himan.
Aanaa Odaa Bultum araddaa Haqa Baas keessaa namoota maqaan isaanii Maammudee Idirisoo fi Mohaammad Umaree jedhaman maqaa WBO’tiin yakkuun namoota hojii qonnaa malee siyaasa keessaa harka hin qabne Caamsaa 27, 2024 maatii isaanii irraa qabanii hidhuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akkasumas aanaa Ciroo magaalaa Ciroo keessatti hidhamtoonni heddumaachuu irraan kan ka’e manni hidhaa keessi guutuun namoonni mooraa keessatti hidhamanii roobaa fi aduun dararamaa akka jiran maddeen magaalichaa ONM’f himan.
Hidhamtoota kanneen keessa dhukkubsattootni akka jiran dubbachuun maatiin hidhamtoota kanaas mana yaalaa geeffachuuf gaafatan illee caasaan PP diduun kanneen du’aa fi jireenya gidduutti argaman illee akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

