Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godiina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum fi Ciroo keessatti dargaggoota Oromoo maqaa WBO deggartu jedhuun hadhanii dararuu fi dirqiin adda waraanatti ergaa jirachuun itti fufee jira

Godiina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum fi Ciroo keessatti dargaggoota Oromoo maqaa WBO deggartu jedhuun hadhanii dararuu fi dirqiin adda waraanatti ergaa jirachuun itti fufee jira.

ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Murni uummata Oromoo akka gidirsaniif waraana leenjisee guyya guyyaan itti bobbaasaa oolu bilxiginnaan hidhaa, reebicha, ajjeechaa fi doorsisa irraan ga’uun qobsoo uummanni Oromoo itti jiru irraa boodatti deebisuuf tooftaa godhatee hojjechaa jiru Oromiyaa bakka maratti hojii fokkisaa isaa raawwachaa jira.

Haaluma kanaan ilmaan Oromoo maqaa WBO itti maxxansuun waan isaan keessaa hin qabneen waajjira poolisii aanaa Odaa Bultum ganda lakkofsa ja’a keessatti kanneen dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Faadii Nawaal, Kaalid Mahaammad, Abbaasoo Jamaal, Kamaalee Muummee fi Najaashoo Abdii ta’uu maddeen ibsaniiru.

Kana malees aanuma kana waajjira poolisii aanaa Odaa Bultumitti meeshaa waraanaatu mana keessan keessa jira jechuun kanneen rakkachaa jiran Sulxaan Mohaammed, Kadiir Mahaammad Usoo, Abdusalam Mahaammadkadir Mahaammad,
Jafaar Mahaammad Abdurhamaan,
Gaaddisaa Amiin, Nuuraddiin Naasir,
Ibsa Hasadee fi
Hakiime Ahimed maqaa meeshaa manaa qabduun erga hidhamanii baatii tokko lakkoofsisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version