ONM-ABO Ebla 22, 2024
Namoota nagaa siyaasa hin beekne adamsee hidhuun gidirsaa kan jiru murni PP bakkeewwan hedduutti maqaa ilaacha WBO qabduutiin mana hidhaatti galchee hojii idilee isaanii irraa ugguraa jira.
Lixa Harargee aanaalee hedduu keessatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa adeemuun uummanni daran rakkachuu ibsan.
Aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa dabalatee gandoota aanichaa keessaa maqaa ilaacha WBO qabduu fi ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun namoota hedduu mana hidhaatti naqanii dararaa akka jiran jiraattotni ibsan.
Namoonni hedduunis mana hidhaa magaalaa Baddeessaa keessaa baafamuun achi buutee dhabamanii jiraachuus himan.
Akkasumas aanicha keessatti milishoonni sirnichaa saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii akka jiranis jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

