Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa  Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessaa uummanni maallaqa mana Baankii baafachuuf dhorkamanii jiraachuu dubbatu 

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Qabata Waraana Bilisummaa Oromoo taasifachuun sirni aangoo irra jiru bilxiginnaan saamicha karaalee adda addaan uummata irratti taasisaa jiru jabeessee itti fufee jira.

Wiixata darbe irraa kaasuun godina Lixa Harargee  aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaatti manni baankii uummataaf maallaqa dhiheessaa akka hin jirre jiraattonni dubbatu.

Akka jiraattotni jedhanitti maallaqni mana baankichaa keessaa fe’amuu kaasuun, yeroo hawaasni dhaqee baafachuuf jedhu wardiyyaan mana baankichaa maallaqni hin jiru jechuun hawaasa deebisaa turuu ibsan.

Hanga yoomitti hin jiru? maaliif maallaqa asii qabna mitii jedhanii jiraattotni gaafatanis sababa isaa nuti hin beeknu jechuun ala deebii biraa akka hin qabne illee ibsaniiru.

Akkasumas kaabinoonni  aanichaa wardiyoota mana baankii, mana barumsaa fi Teelee marii mariisisuun Teelee keessaa namoota kaardii baay’ee bitan, mana baankii keessaayis yeroo manni baankii kun baname nama maallaqa baay’ee baasuu fi nama mana barumsaa keessa dhufee barattoota dubbisu qabaatii  qoradhaa jechuun akka akeekkachisaatti itti himaa turuus himaniiru.

Itti dabaluunis aanicha keessaa dargaggoonni hedduun magaalaa Burqaa dabalatee mana hidhaatti jumlaan guuramanii dararamaa akka jiranis jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version