Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Ciroo fi Odaa Bultum keessatti namoonni lama loltoota sirnichaan ajjeefaman

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Akka Harreetti waanan sitti fe’e fudhu diddu ni ajjeefamta jechuun gareen abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu meeshaa hidhatanii jiranitti dhimma bahuun hawaasa akka barbaadan gochaa kan jiran yoo ta’u, namoonni waan sirnichi itti fe’e fudhachuu didan ammoo ajjeefamaa jiru.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti lubbuun ilmaan Oromoo hanga bineensaa hanqachuun, namoonni hedduunis sababoota Bilxiginnaan itti maxxansuun lubbuu isaanii guyyuu dhabaaa oolu.

Haaluma kanaan Sadaasa 5, 2024 godina Lixa Harargee aanaa Ciroo magaalaa Ciroo keessatti abbaa maatii kan ta’e namni maqaan isaa Hamad Soddaa Giddii jedhamu reebicha ulfaataa loltoota sirnichaan irratti adeemsifameen ajjeefamuu jiraattonni himu.

Akka jiraatasn magaalichaa taatee kana itti dhiheenyaan hordofaa ture ONM’tti himetti jalqaba irratti ilma isaa dirqamaan mana isaatii qabuun yeroo gara mooraa leenjii waraanaa geessuuf jedhanitti innis mucaa isaa duuba bu’uun yeroo mooraa isaanii dhaqutti deemi asii mucaan kee kana booda waraana deema jedhanii itti dheekkamanis innis maaloo nama na gargaaru hin qabu jedhee kadhachaa turuu jiraataan kun dubbata.

Innis achii deemuu didee irra deddeebiin kadhatus tolaan erga diddee dirqamaan deemta jechuun jaarsa guddaa qaamni isaa rakkoo jireenyaan miidhamte reebicha hamaa irratti akka raawwatanis hima.

Maanguddoon kunis reebicha hamaa sana irraa hafuu dadhabuun battaluma sanatti lubbuun isaa darbuu jiraataan kun taatee ajjeefamuu nama kanaa ibsa.

Oduun ajjeechaan wal-qabatu kan biraan ammoo godinichuma aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti Sadaasa 6, 2024 dargaggoo maqaan isaa Akimaal Mohaammed  jedhamu qabanii gara Raayyaa Ittisa impaayerattii deemi yeroo jedhaniinitti innis ani na dhukkuba deemuu hin danda’u waan jedhe qofaaf uleen tumanii ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himaniiru. 

Exit mobile version