Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti namootni ja’a waraana sirnichaan achi buutee dhabamsiifaman

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Egeree uummata Oromoof yaaddoo cimaa kan ta’e murni bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii namoota nagaa sababa tokko malee qe’ee isaanii irraa ukkaamsuun saamichaa fi ajjeechaa irratti raawwataniin cinaatti qabanii achi buutee dhamabsiisaa jiru.

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam keessatti murni nageenya hawaasaa booreessuuf bobbaafaman kunneen namoota ja’a qe’ee fi qabeenyaa isaanii keessaa erga qabanii waajjira gandaatti hidhanii dararaa akka turan jiraattonni himan.

Namoota kanneenis erga mana hidhaa galchanii akka waan gadi dhiisanii fakkeessuun tokko tokkkoon isaanii irraa qarshii kuma shan shan erga irraa fudhatanii booda mana hidhaa  sana keessaa baasuun eessa akka isaan geessan hin beekamin jiraachuu dubbatu. 

Namoonni maallaqni irraa guuramuun ofiifis achi buuteen isaanii dhabame kunneenis maqaan isaanii:

  1. Najaash Aliyyii Abraahim
  2. Allaamuddin Abarashoo Somanee
  3. Sulxaan Umar Adam
  4. Ibsaa Amadii Yusufee
  5. Ramadaan Jamaal Abdii fi
  6. Sharafuu Qaasim Abdurhamaan kanneen jedhamaniidha.

Akka Jiraattonni jedhanitti namoota kanneen hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka isaan geessan kan hin beekmnee fi hanga ammaatti maatiin mana hidhaa aanaa irraa eegalee hanga godinaatti barbaadaa akka jiranis Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version