Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa Aanaa Adoolaa Reeddeetti daballiin miindaa hojjettootaaf kaffalamu dhabuun mufii kaase

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Murni garboomfataan impaayerattii maqaa daballii miindaa jedhuun gurra hojjettootaa coomsaa kan jiruu fi bakkeewwan adda addaatti immoo hojjettotaaf kaffaltii raawwachuu didaa jira. 

Akka kanaanis godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddeetti daballiin miindaa hojjettootaa kan hin raawwatamin jiru ta’uun hojjettoonni aanichaa yeroo adda addaatti gaaffii kana irra deddeebiin kaasanis hanga ammaatti xalayaan isaa illee kan hin qophaa’in jiru ta’uu hojjettoonni aanichaa dubbatu. 

“Maqaa daballii miindaan qaala’insi gabaa dachaa meeqaan nutti dabalee jira jedhu hojjettootni. Miindaan dabalame, olaanaan qarshii 600. Kaffaltiin kun ji’a Fulbaanaa irraa eegalee akka kaffalamu dhageenye. Garuu, hanga ammaatti waan tokko hin argine. Aanaalee biroo irraa ji’a Onkoloolessaa irraa eegalanii kaffaluu jalqaban. Aanaa Adoolaa Reeddeetti immoo xalayaan isaayyuu hin qophoofne” jechuun barsiisaan rakkoo nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira. 

Miindaa ni dabalame jedhan kana kan ji’a lamaa hojjettoota kan dhorkataniif maqaa “rakkoo nageenyaa” jedhuun nyaachuuf karoorfatanii kan jiranii fi yeroo itti aanaaleen beelaa fi hongeen dhumaa jiran hojjettootaaf kaffalaa jiranitti aanaan Adoolaa Reeddee immoo akkuma amala isaanii miindaa hojjettoota aanichaa nyaachuuf ukkaamsanii irra taa’aa jiraachuun itti dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version