ONM-ABO Caamsaa 14, 2025
Godina Gujii Bahaa aanaa Sabbaa Boruutti miindaan isaaniif kaffalamu turuu fi haalli qaala’insa jireenyaa danqaa itti uumaa jiraachuu hojjetoonni mootummaa ONM dubbise rakkoo keessa jiran dubbatu.
Akka hojjetoonni kunneen jedhanitti miindaan yeroo isaa eegee kaffalamuu dhabuu hordofee maaliif nuuf hin kaffalamu jennees yoo gaafanne ergama waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun doorsisa adda addaa nu irratti taassisu, kanaaf qaama itti himannu dhabdee rakkoo ulfaataa keessa jirras jechuun dubbatu.
Hojjetaan mootummaa tokko kan maqaan isaa rakkoo nageenyaaf jecha akka eeramu hin feene himutti, bara kana akka aanaa Sabbaa Boruutti rakkoolee jajjaboon nu quunnamaa jira miindaan nuuf kaffalamu jireenya keenya itti geggeeffachuuf yeroo isaa eeguu qabu, tuttursuu fi kan duratti wantoota adda addaan nurraa kutaa turan baatii kana keessa ammoo gonkumaa nuuf kaffaluuf fedhii kan hin qabne ta’uu himu, maatiin miindaa ji’aa eeggatee jiraatus yaaddoo guddaa keessa jirra jechuun itti dabaluun ibseera.

