ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddeetti, kaabinoonni Bilxiginnaa hojjettoota kaaniif miindaa kaffaluun barsiisota dhorkachuu isaanii gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ifoomse.
Mootummaa garboomfataan impaayerattii maqaa daballii miindaa jedhuun hololaa kan ture, faallaa isaa immoo gartokkee hojjettootaaf kaffaluun isaan kaan dhiisuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa harka birootti qabatee gadi ba’uun rakkoo hamaaf saaxilaa jira.
Aanaa Adoolaa Reeddee guutummaatti daballiin miindaa kuufamaan hojjettoota fayyaa fi hojjettoota qonnaaf kennamuun, kan barsiisotaa kan hin raawwatamin jiru yoo ta’u, barsiisonni aanichaa yeroo adda addaatti gaaffii kaffaltii kuufama miindaa irra deddeebiin kaasanis xalayaa qofaan sossobuun, kaan ammoo doorsisa ”nama maqaa miindaa dhahe, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jennee hidhaatti darbanna” jedhuun waajjirri bulchiinsaa fi waajjirri maallaqaa waliin mari’atanii waan jiraniif barsiisonni aanichaa hundi rakkoo hamaa keessa jiraachuu isaanii barsiisaan maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himee jira.
Kaffaltii ji’a Fulbaanaa irraa eegalee isaaniif kaffalamuu qabu kan dhabanii fi murni Bilxiginnaa gita hojiin adda isaan qoodanii waan kaffalaniif barsiisota gaaffii gaafatan maqaa adda addaa itti maxxansuun doorsisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Rakkoon dhimma kaffaltii miindaan wal qabatee deemu barsiisota qofa osoo hin taane biyyattii keessatti ogeeyyii fayyaa akka malee rakkisaa kan jiru ta’uun ni himama. Miindaan hojjettootaa qixa sirriin kaffalamuu dhabuun hojjetaan jireenya gadadoo akka dhamdhamu taasifamaa jira.
Aanicha keessatti kaffaltii miindaa kan ji’a lamaa barsiisota kan dhorkataniif maqaa “rakkoo nageenyaa” jedhuun qarxamsanii nyaachuuf karoorfatanii kan jiranii fi ukkaamsanii irra taa’aa jiraachuu kana dura isiniif gabaasnee turuun keenya niyaadatama.

