Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yuunivarsiitiin Jimmaa rakkoo dinagdee isa mudateen barsiisota miindaa wayitii dabalataa dhowwachuun eerame

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Impaayerri bututtuun Itiyoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti sababa rakkoo dinagdee ishee mudateen qileetti deemaa kan jirtu, dhaabbata ishee sobuun abjuu aangoo dheereffachuu kan qabdu Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa barsiisota miindaa wayitii dabalataa dhowwachuun eeramee jira.

Akka maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa hojjettoota isaa hunda walitti qabuun “hanqinni baajata bara kana waan nu mudateef, barattootaaf nyaanni torbeetti yeroo afur kan qalamuuf amma torbeetti yeroo lama ykn sadiitti gadi hir’ifna” jennee barataa sodaanne. Suuta suuta hir’isaa deemna” jechuun hooggansi Yuunivarsiitii sanaa dubbatee jiraachuu dubbatu.

Kana malees, barsiisonni wayitii dabalataa (additional hours) achi keessatti waggaa tokkoof barsiisaa turan sababa baajata dhabuu moorichaan barsiisota miindaa wayitii dabalataa kan waggaa tokkoo dhowwatanii kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Rakkoo hamaa dinagdee Yuunivarsiitii sana mudateen barattootaaf nyaanni godhamaa jiru abbootii qabeenyaa irraa liqeeffatanii akka nyaachisaa jiran namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Torbee darbe hoogganaan Ministeera Barnootaa Pr. Biraanuu Naggaa Yuuniversitii ga’umsa hin agarsiisne ni cufna jechuun yoo doorsisan, kanas namootni baay’een daandii itti hokkora isaan mudataa jiru cuqqaaluuf deemaniidha jechuun dubbachaa turan.

Exit mobile version