ONM-ABO Gurraandhala 28, 2025
Dhaabbileen barnootaa olaanoon yeroo adda addaatti galii isaaniif ramadamu baasii waraanaaf oolchuun hojjettoota isaaniif illee hanga waan kaffalan dhabuutti gahaa jiru.
Yuunivarsiitiin Jimmaa galii argatu humna waraanaaf oolchuu irraa kan ka’e rakkoo dinagdee isa mudateen yeroo adda addaatti hojjettoota isaa irraa miindaa kutuu fi kaffaltii dhorkachuun miidhaa cimaa irraan gahaa kan oolu yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo hojjettoota Yuunivarsiitii sana keessaa humnaan hojjetanii bulan kaffaltii dhorkachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Mooraa sana keessatti hojjettoota humnaa dafqa isaanii xuruurfachaa galii guyyaa guyyaan argataniin jiruu fi jireenya isaanii fi kan maatii isaanii geggeessan kaffaltii tokko malee dirqamaan ijaarsa maqaa kooridariin diigame ijaaraa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
.
Dallaan moorichaa yeroo maqaa kooridariin diigametti ogeessa ijaaruuf dabarsee kennuu dadhabuun hojjettoota isaa duraanii baasee akka waan ogeessaaf kennuutti sobee kaffaltii malee humna isaaniin taphataa jiraachuunis himamee jira.
Yuuniversitiileen impaayerattii bakka hunda irraa rakkoo baajetaa isaan mudateen nyaata illee sirnaan barattootaaf dhiyeessuu dadhabuun mormiin mudachaa turuun ni yaadatama.

