Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Odaa Bultumitti ergamtoonni Bilxiginnaa “gibirri kaffalame gahaa miti” jechuun irra deebiin gibira uummata irraa guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 18, 2025 

Lammiileen Itiyoophiyaa haala jireenyaa baay’ee walxaxaa qabaachuun rakkoo jireenyaa hamaa keessatti haala jireenyaa waliin wal’aansoo walqabaa kan jiraatan ta’us, imaammatni rakkoo jireenyaa hudhee isaan qabe furuuf  diriiruu irra faallaa isaa gibira guddaa galii isaanii waliin wal hin madaalle gaafatamaa jiru. 

Haalli seerawwaan kaffaltii gibiraa silaa namoonni galii guddaa qaban warreen galii xiqqaa qaban caalaa gibira guddaa kan kaffalan ta’us, bakka tokko tokkotti malaanmaltummaan warra xiqqaa argatan irraa guddaa warra guddaa argatan irraa ammoo xiqqaa yeroo fuudhan argina. Kana malees bakka dirqama Bilxiginnaan qarshii miliyoona ykn biliyoona hanga kana walitti qabdu jedhetti ammoo abbootii qabeenyaa irraa dirqamaan mallaqa humnaan olii fuuchuun karoora isaanii guuttatu. 

Rakkoon kun bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti meeshaa haaraa uummata ittiin dararan taasifatanii itti fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas bifa addaan jiraattota godina Lixa Harargee aanaa Oduu Bultum irraa hojjettoota isaanii bobbaasuun guuraa akka jiran jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Aanaa Odaa Bultum araddaa Bosoosootii lukkeeleen Abiy Ahimed maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha hamaa geggeessaa akkuma turan ammallee ittuma fufuun, “gibirri kaffalame gahaa miti; galiin hanga jedhamee gadi walitti qabame” jechuun irra deebiin jiraattota irraa marsaa lammaffaa qarshii 3,000 tokkoo tokkoo isaanii irraa guuraa jiraachuu itti dabaluun himanii jiru. Namoota maallaqa kana kaffaluu dadhaban ammoo waan isaan manaa qaban gurgursiisanii maallaqa isaa fudhatu ykn jalaa ooffatanii deemu.

Namoota kaffaltii gibiraa gaafatamuun wanta kaffalan dhabanii horiin jalaa oofame keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Qaasim Mahaammad,
  2. Aliyyii Gin’iir,
  3. Saanii Umar fi  

kanneen biroo hedduu ta’an jalaa re’ee saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru. 

Exit mobile version