Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abiy Saamichaa fi Diigumsa Oromiyaa Maqaa Misoomaatiin Raawwachiisuu Itti Fufe (Ibsa ABO-WBO)

Jiraachuu mootummaatiif sababoota ijoo keessaa tokko, hanqina gabaan (market failure) uume guutuuf hojiiwwan bu’uraalee misoomaa babal’aa fi filatamoo hojjechuu dha. Yeroo sirnaan itti yaadamee, itti gaafatamummaadhaan hojiirra oolu, tattaaffiin akkanaa dantaa uummataa, carraa dinagdee fi walitti dhufeenya hawaasaa ni dagaagsa. Garuu, yeroo pirojektoonni kun qabeenya uummataa saamuu, hawaasa keenya lafa isaa irraa buqqisuu, akkasumas sirna bulmaata hawaasaa, uummatichi barootaf ijaarrate kan silaa mootummaanuu tiksuuf male, akka meeshaattii tajaajilan “misoomni” balaa ta’a.

Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Abbuu Seeraa, kan naannawa Bishooftuutti jalqabame kunis, moodeela badii kan balaa kana ifatti ibsuu dha.

Piroojektiin kun, itti fufiinsa seenaa buqqaatii hawaasni Oromoo Finfinne fi naannawa ishii mudachaa as gahe sanii ta’uudhaan, hanga har’aatti, maatii 3,000 ol kan gandoota torba keessa jiraachaa turan dirqiidhaan buqqisee jira. Maatii kana keessaa tokkollee beenyaan gahaan bakka biraatti jireenya isaanii deebisee gadi dhaabuu dandeechisu, akkasumas lafti qonnaa bakka bu’aan qonna itti fufuuf dandeechisu hin kennamne. Maatiin buqqa’e hundi lafa, galii, mala jireenyaa beeku saamamee wabiin jireenyaa irraa mulqame.

Uummata waligalatti buqqifame keessaa tilmaamaan maatii 1,200 (40%) qofti mana jireenyaa bakka bu’aa mana isaanii kan argatan yoo tahu, harki caalaan garuu guutumaa guutuutti gaaddisa dhabanii karaarratti gatamani.

Warrumti mana argatanillee, haalli keessa jiran hamaa dha. Ragaan jiraattota irraa bahu irra deddeebiin akka agarsiisutti, manneen kennaman sunuu manneen sadarkaa gadi-aanaa fi ijaarsi hin xumuramne; tajaajiloota bu’uuraa, meeshaalee mana keessaa, fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo kan hin qabne. Manneen kunneen kabajaa namoomaa deebisanii dhaabuuf yookaan jireenya itti fufiinsaan deeggaruuf kan danda’an akka hin taane ifatti mul’atu. Hanqinootuma kana wajjiin ammoo, warri manneen kana argatan sanada ykn ragaan abbummaa seeraa hin kennamneef. Ammallee doorsisa, buqqa’insa lammataa, fi saamicha adda addaatiif saaxilamoo ta’anii jiru.

Dhugaan jiru kana hunda yoo ta’e illee, maddoonni keessoo mootummaa irraa argaman akka mul’isanitti, ijaarsa manneen jireenyaa kanaaf qarshiin biliyoona 30 ta’u kan ramadame; kunis tokko tokkoon manaaf yoo shallagamu qarshii miliyoona 25 ta’a jechuu dha. Haa ta’u malee, manneen qulqullina gadi-aanaa fi ijaarsi isaanii hin xumuramne kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amuutti, qarshii kana keessaa baay’inni guddaan guutummaatti akka saamame ifa galaa dha. Kun kachachala (malaammaltummaa) tasaa yookaan dogoggora tasaa miti. Pirojektoonni misoomaa akkanaa sirna saamichaa ta’e jedhanii itti yaadanii hojiirra oolchan, tooftaa ykn mala qabeenya uummataa baay’inaan itti saamanii fi gara kaadireewwan siyaasaa, amanamtoota sirnichaa, fi michuuwwan Abiy Ahmaditti dabarsuuf itti fayyadaman keessaa tokko tahuu agarsiisa.

Saamichi guddaan qabeenya ummatarratti raawwatamu kun, bu’aa tasaa pirojektoota kanaa osoo hin taanee; faallaa kanaatiin, pirojektoonni kun matuma isaaniitiiiyyuu akka maqaa misoomaatiin saamicha kana dandeessisanitti itti yaadamuun sirnichaan caaseffaman. Dur hanni rakkoo projektoota misoomaaf yaadaman waliin wal qabatee dhufu ture. Wanti bara Abiy Ahmed addatti argaa dhufne hanni rakkoo projektoota misoomaa waliin wal qabatee dhufu osoo hin taane, projektoonni mataan isaanii hanna gaggeeffamuuf golgaa akka ta’aniif itti yaadamanii kan bocaman ta’uu isaaniiti.

Yeroo ammaa haalli qonnaan bultoota buqqa’an mudate daran yaaddessaa dha. Maatiin buqqa’an hundi, beenyaa egeree isaanii gadi dhaabuu danda’u yookaan lafa bakka bu’aa jireenya isaanii ittiin deebisanii ijaarratan hin arganne. Warrumtii mana jireenyaa argatanillee mala jireenyaa fulla’aa jiruuf jireenyi isaanii irratti hundaa’u tokkollee hin qaban. Qonnaan bultoonni lafa, meeshaalee qonnaa fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii, mana onaa kana keessa waan jiruun irratti hundaa’u tokkoon maleetti jiraachuun hin danda’amu. Caasaaleen kaadiree sirnicha waliin hidhata qaban, haala abdii kutannaa qonnaan bultoonni keessa galfaman kana keessattillee buqqaatota irratti qumaara taphachuu itti fufanii jiru: maatiiwwan mana isaanii gurguranii naannawa sana gadi dhiisanii akka bahaniif karaa dallaalota lafaatiin dhiibbaa irratti uumaa jiru. Odeeffannoon bahaa jiru akka agarsiisutti, dallaalonni adda addaa maatiiwwan qe’eesaani irraa buqqa’anii mana onatti galfaman kana bira deemuudhaan, haala rakkinaa amma keessa jiranitti dhimma bahanii manneen kana gatii rakashaatiin (distress prices) irraa bituuf/bichisiisuuf gatii manaa dhiyeessaafii akkassumas sodaachisaallee jiru. Manicha irratti ragaa abbummaa (ownership deeds) argachuu dadhabuunis, akka madda yaaddoo fi doorsisaatti faayidaa irra oolaa kan jiru yoo tahu; buqqaatonni kun ‘kanumaawuu akka hin dhabne’ jedhamanii sodaaf jecha akka gurguran dallaalota kanaan sobamaa/dirqisiifamaa jiru. Haalli kun yoo akkanaan itti fufe, bu’aan isaa kan amma dursee mul’ate kana daran ifa: maatiin buqqa’an hundi dhuma irratti mana jireenyaa, beenyaa, fi mala jireenya isaanii guutummaatti dhabanii dirree irratti hafuu dha.

Piroojektiin Buufata Xiyyaaraa Abbuu Seeraa kun akeekni isaa lammilee lafa irraa buqqisuu fi caasaan sirnichaa kachachala (saamicha) raawwachuu qofa osoo hin taane, kaayyoo siyaasaa dhokataa balaa guddaa qabu, suuta-suutan hojii irra oolu of keessaa qaba.

Abiy Amhad mooran qabsoo/siyaasaa Oromoo ititaa fi tokko ta’ee jiraachuun, aangoosaaaf balaa guddaa ta’uu hubachuusaa yeroo heddu bifa adda addaatiin mul’iseera. Pirojektiin kunis tarsiimoo Oromiyaa bakka lamatti cabsuun, booda irra kutaa xixiqqootti gadi caccabsuu yoo tahu, fulla’iinsa lafa walqabataa daangaa (territorial contiguity) Oromiyaa karaa qubsuma ummataa jijjiiruutiin laaffisuuf, akkasumas tumsa mormii siyaasaa waliigalaa fi humna Oromoo dadhabsiisuuf karoorfame keessaa tokko dha.

Kaayyoon kun duraanuu tooftaawwan garaa garaatiin hojii irra oolaa kan jiru yoo tahu; yeroo dhihoo asitti immoo caasaalee bulchiinsa idilee hin taane (kilaastara) fi suuta suuta gara idileetti jijjiiramaa deemuudhaan, Oromiyaa qoqqoodanii ‘Kilaastara’ Lixaa, Kibbaa fi Bahaa jedhanii caasessuun, tokkoon tokkoon isaanii to’annoo angawoota mootummaa federaalaa jala akka galan
taasifamaa jira. Kun sirna federaalizimii heeraan utubamee waraqaa irratti hafe —sana irratti haleellaa raawwachuu qofa otoo hin taane — carraaqqii dabalataa Oromiyaan akka teessuma lafa walqabataatiin, siyaasaadhaan akkasumas akka hawaasa siyaasaa hiree tokko qabuutti akka hin jiraanne diiguuf taasifamaa jiru dha.

Asitti kan diigamaa jiru ummata buleessa qonnaan jiraatu qofa osoo hin taane; yayyaba ofiin of bulchuu, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu (sovereign autonomy), fi sirna heeraa biyyattiin diriirsine jettu mataa isaati.

Kanaafuu, Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Abbuu Seeraa kun piroojektii buqqa’insa sabaa, kan kachachalaa/saamichaa, fi warra biyyaa qe’ee irraa buqqisanii alagaa aadaa, afaani fi eenyummaa addaa akkasumas kaappitaala guddaa qabu bal’inaan qubsiisanii ittiin qubsumaummataa jijjiiruudhaan lafichaa fi bunchiinsasaa alageessan (political engineering)— kan kaayyoon isaa garee muraasaaf badhaadhina qabeenyaa hin malleen badhaasuu, kan uummata Oromoo immoo gargar facaasee humna dhabsiisu dha. Qaamolee dhimmamtoota hundaaf — hawaasa naannawa kanaa, dhaabbilee sivikii, fi qaamolee idil-addunyaaf dhaamsi qabnu —
pirojektii kun dhugumatti maal akka ta’e hubatanii, deeggarsa siyaasaa, teeknikaa, fi maallaqaa kamiyyuu gochuu irraa guutummaatti akka of qusatan waamicha dhiyeessina.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Amajjii 22, 2026

Exit mobile version