Viidiyoowwan suukanneessaa haleellaa gara jabinaa ummata keenya irratti Godina Shaggar Kaabaa (Salaalee) keessatti raawwatamaa jiran agarsiisurratti, Waraanni Bilisummaa Oromoo qorannoo bal’aa godhaa jira. Ibsi kunis argannoowwan duraa qorannoo kanaan hanga ammatti mirkanaa’an, ragaalee mirkanaa’anii fi odeeffannoo keessoo tika sirnichaa irraa argame irratti hundaa’uun, xiinxala gabaabaa waliin dhiyeessa.
A. Dhugaa/Qabatama lafarra Jiru
1. Akaakuu/caasaa hidhattootaa naannawa kana keessa jiranii
Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (ENDF) malee gareewwan biroo sadan armaan gadiitu Godina Shaggar Kaabaa (Salaalee), Aanaa Dharraa keessa socho´u.
‘Fannoo Darraa’: Gareen kun gurmaa’insa laafaa kan qabuu fi baay’ina xiqqaadhaan akka shiftaatti kan socho’u, “Fanno of Darra” jedhee kan of waamu dha. Yeroo baay’ee jiraattota Oromoo naannoo kanaa irratti xiyyeeffatee haleellaa raawwata. Walitti dhufeenyi fi caasefamni gareen kun gareelee Faannoo qindoominaan Naannoo Amaaraa keessa socho`an waliin qabu ifatti hin beekamu. Haa ta’u malee, hojiin garee kanaa, addatti dhiyeessii rasaasaa gama haala mijeessummaafi jiru karaa dallaalummaa nama Alamayyoo Ayyaaloo jedhamuutiin argatuun kan deeggaramuu tahuun beekamee jira. Namni Alamaayyoo jedhamu kun obboleessa Lt. Janaraal Tasfaayee Ayyaaloo ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’ee yoo tahu, lamaan isaaniituu dhalootaan Darraarraa tahanii, Alamaayyoon kun ajaja janaarala kanaatiin akka hojjetu beekamee jira.
Jiraattota Hidhannoo Qaban: Gareen lammataa jiraattota naannoo kanaa kan Oromoo fi Amaaraa kan of keessaa qabu yoo ta’u, hawaasa isaanii balaa alaatirraa of-ittisuuf kan hidhatani dha. Namoonni dhuunfaa kun qaama milishaa gurmaa’ee osoo hin taane barbaachisummaa irraa kan ka’e deebii kennu, manaa fi jireenya isaanii haleellaa irraa eeguuf.
Humnoota Milishaa Mootummaa: Gareen sadaffaan hidhatee aanaa kana keessa socho’u, humnoota milishaa mootummaadhaan ijaaramani. Milishoonni kun tasgabbii naannawa isaanii eeguu dirqamni kan itti kenname fakkaatus, yeroo baayyee gareewwan akka ‘Faannoo Darraa’ ofiin jedhan faa waliin tumsa tolfatanii walitti bu’iinsa hammeessuudhaan tasgabbiin akka dhabamuuf akka gumaachan qorannoon keenya ni addeessa.
2. Ka’umsa Haleellaa Tibbanaa
Haleellaan dhiyeenya kana Aanaa Dharraa fi magaalaa Maraabitee keessatti raawwatame kun kan eegale erga Godina Salaaleetti, ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’uun kan hojjetu Lt. Janaraal Tasfaayee Ayyaaloo fi bulchaan Godina Shawaa Kaabaa (Salaalee), Obbo Kaffaaloo
Adaree, jiraattota Oromoo Aanaa Dharraa, gandoota torbaa irraa walitti dhufan waliin walga’ii ji’a lama dura taasisan hordofuun akka tahe beekamee jira. Gandoonni torban kunneen Ganda Gabroo Barreessaa, Abbuu Godoo, Bahiit Karaabaa, Hoomaa Booniyyaa, Hoomaa Barreessaa, Guddaattuu Gabaa Sanyoo, fi Sararkullaa dha. Haa tahu malee, jiraattonni Oromoo tokko tokko mudannoo darbe kaasuun walga’iin akkanaa takkaawuu hidhannoo akka aadaatti ittiin of tiksan hiikkachiisuu yookaan humna mootummaatti makamuun WBO’ irratti qabsaa’uu akka gaafatan kaasuun walgahicha hirmaachuu didanii hafan. Walgahii kana irratti warri hirmaatan meeshaa waraanaa isaanii galmeessuun WBO irratti lola banuuf akka qophaa’an ajajni itti kenname. Haa ta’u malee, jiraattonni Oromoo argamanis mormii cimaa dhageessisuun, WBOn miidhaa nurra hin geenye jechuun falmuudhaan, inumaayyuu gareen miidhaa geechisaa jiru, kan naannawa kanatti haleellaa raawwatu, garee ‘Fannoo Darraa’ ofiin jedhu ta’uu adda baasanii dhugaa bahan. Mormii jiraattotaa kanaaf deebii kan kenne Tasfaayeen, jiraattonni WBO’dhaaf dawoo tahaa jirtu jechuudhaan yakkee haalicha daran hammeesse.
Diddaa jiraattota Oromoo irraa kan mufate Janaraal Tasfaayeen, xiyyeeffannoo isaa gara jiraattota Amaaraa aanicha keessa jiranitti jijjiiruun isaaniin wal gahii waamsise. Jibbiinsa hiddisaa gadi fagoo WBO fi hawaasa Oromoorratti sirnichaan tolfamaa bahetti dhimma bahuudhaan jiraattota Amaaraa biratti miira diinummaa kakaasuu hojjete. Walgahiin jiraattota Amaaraa waliin godhame kun haala ‘milkii qabuun’ xumuramuusaa kan ibsan yoo ta’u, haaluma kanaan milishoonni mootummaan deeggaramanii fi hawaasni Amaaraa hidhatee naannawa san jiran waliigalanii Oromoo irratti xiyyeeffachuuf kan waliif kakatan tahuudhaan, jeequmsaa fi qoqqoodinsa dabalataaf haala kan mijeesse tahee goolabame.
3. Haleellaan itti aanee ummata keenya irratti fudhatame
Lt. Janaraal Tasfaayee, haaloo bahannaaf jedhee, haleellaa humna qilleensaatiin boombii ummatarratti roobsuu fi dhukaasa gurguddaa meeshaa gurgudaan deeggarame jiraattota Oromoo walgahii isaarratti hirmaachuu diduudhaan yaada inni hidhannoo galmeessaatii WBO’tti duulaa jedhe didan irratti duula bane. Duula kanaanis maatii lakkoofsi isaa hin beekamne fixee manaa fi qe’ee isaanii irraatti buqqa’anii gara lafa onaatti godaanuudhaan gaaddisaa fi eegumsa nageenyaa tokko malee dirree irratti hafan taasise. Jiraattonni kun erga qe’eerra buqqifamanii boodas bosonaa fi gammoojjii keessatti dhukaasni isaan irratti raawwatamu itti fufee jira.
4. Gocha Suukaneessaa Morma Muruu
Dhiheenya kana viidiyoon, yeroo mormi dargaggeessa ol adeemaa, Darajjee Amaaree jedhamuu, haala nama suukaneessuun muramu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti kan mu’ate yoo tahu, gochi morma muruu wal fakkaataan kan biraa dargaggeessa Taaddasaa Nugusee jedhamuu fi jiraatuma Ganda Sararkullaa irratti raawwatamuu qorannoo WBOn dhimma kanarratti taasise ifa godheera. WBO’n viidiyoo lamaan qorannoon argate kanneen galmeeffatee jira.
Gochoonni jibbisiisoon kun tilmaamaan ji’a lama dura kan raawwataman yoo ta’u, guyyaan sirrii ta’e garuu ammallee hin beekamne. Argannoon keenya duraa kun akka agarsiisutti, yakka suukaneessaa kanaaf namoonni dhuunfaa ‘Faannoo Darraa’ jedhanii of ibsan, kan ergamtoota Abiy Ahmed kan akka Alamaayyoo Ayyaaloo fa’aan deeggaraman itti gaafatamoo dha.
5. Haala Raawwii: Yakkichi Maaliif Ji´a Lama Booda Ifa Bahe?
Viidiyoowwan bubbulan kanneen gara jabummaadhaan mormi dargageessa Darajjee Amaaree yoo muramuu akkasumas, haleellaan ummata keenya Shaggar Kaabaa irratti yeroo raawwatamu agarsiisan dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa irratti mul’achuun isaanii otoo itti hin yaadin tasa harka sirnichaatii waan miliqee bahe dha. Akka maddeen keenya caasaa basaasaa keessoo sirnichaa agarsiisanitti, karoorri Abiy Ahmed jalqabaa viidiyoo kana dookumantarii ololaa ittiin hojjechuuf kan kaa’ame yoo tahu ololli sunis mata duree, “Afaanota adda addaa dubbatanis, WBO fi Faannoon hawaasa naannawa kanaa haleeluurratti wal ta’anii hojjetu” jedhuun qindaahaa ture.
Haa ta’u malee, viidiyoon kun erga jalaa miliqee bahee booda sirnichi tooftaa ittiin waan miliqe irraa fayyadamu tolfachuu yaale. Karoora vidiyicha itti dhimma bahuuf ture jijjiiruudhaan akeeka ummaticha dallansuu keessa galchuudhaan hawaasa biyyatti gurguddaa lamaan kana walirratti kakaasuu fi ummata lamaan gidduutti qoqqoodinsa daran hammeessuu irratti bal’inaan itti dhimma bahuutti seene. Haa ta’u malee, faallaa sirnichi eegeen, dallansuun ummataa baay’een isaa sirnicha mataa isaa irratti kan ka’e ta’eera. Gocha ammaa kana dursanii itti yaadanii qindeessuu dabalatee sirnichi taateewwan suukanessoo tahan hunda bu’aa siyaasaatiif itti fayyadamuuf kan yaalu tahuu namoonni hedduun sirriitti hubataa dhufaniiru.
B. Xiinxala
1. Haala Seenaa Sirnichaa: .
Argannoowwan qorannoo duraa kunniin hojii Abiy Ahmed durii waliin kan wal simu. Viidiyoon suukaneessaan kun haalawwan armaan dura baratamaniin bifa walfakkaatuun, sirni Abiy mormitoota maqaa ittiin balleessuuf ololaaf kan qopheeffatee, darbees walitti bu’iinsa dalgaa hawaasaa jidduutti kakaasuuf kan qopheesse tahuu ifa galaa dha. Gochi kun taateewwanii fi gochoota sirnichaa armaan dura akka gaariitti galmaa’an wajjin kan walsimuu dha. Sirnichi fakkeenyaaf taatota “WBO sobaa/fakkeessii” ofii qopheeffatetti fayyadamuun gocha hammeenyaa lammiilee irratti erga raawwatee booda, yakkoota kana bifa duulaatiin soba dhugaa fakkeessee WBO’tti maxxansaa tureera.
Kan hubatamuu qabu, taateewwan akkanaa akka imaammataatti sirnoota duraanii keessatti mul’atanii kan hin beekne yoo tahu fi gochi akkanaa kun kan babal’ate erga mootummaan Abiy aangootti dhufee booda qofa. Seenaan tolfamee, seenichaan jeequmsi guddaan qindaa’e dabalaa kan dhufe, sirnichi kan gadi dhaabbate gamtaa dhabuu hawaasaa fi qoqqoodinsaa odeeffannoo dogoggoraatiin umaamurratti akka tahe saaxila. Dadhabbina sirnichaa fi hanqina sirnichi wal waraansa biyyattii fururratti qaburraa qalbii hawaasaa butuufis taateewwan akkanaa kanatti dhimma baha.
2. Tarsiimoo Kaka’umsaa Dhiheenyaa
Viidiyoon jalqabarratti dokumeentarii olola sirnichaaf yaadame harkaa miliqee bahuu hordofee, mootummaan Abiy akeeka duranii jijjiiruun haala haaraa kana keessatti, saffisaan viidiyicha deebisee kaayyoo lammaffaaf oolfachuudhaan hawaasa Oromoo fi Amaaraa gidduutti jeequmsa kakaasuuf akka dhama`an maddeen odeeffannoo keessoo ni mul’isu. Jijjiiramni tarsiimoo shallagame kun sababoota lamaan armaan gadii kanaan fulduratti dhufe:
- Sirnichi “Duula Oromiyaa keessaa ji’oota 2-3 keessatti xumuruu” jedhee waadaa ofiif seenee ture bu’aa waraanaa mul’atu tokko malee yeroon jalaa dhumee jira. Haalli kun miirri salphinaa fi abdii kutanna sirnichaa dabalaa akka deemu waan godheef, walitti bu’iinsa dalgaa hawaasaa jidduutti dhalchuudhaan xiyeeffannoo gara biraatti jijjiiruu barbaada.
- Oromiyaa dabalatee lolli guutuu biyyattii keessatti guddachaa dhufe magaalaa guddootti dhihaachaa jira. Taateewwan gurguddoo magaala Finfinnee keessatti namoota beekamoo ta’an kan akka nama biizinasii sirnichaan deeggaramu irratti xiyyeeffachuun boombiin darbamuun, balaa cimaan hundee sirnicha irratti hammaachaa dhufuu kan mul’isudha. Sirnichi xiyyeeffannoo ummataa gara jeequmsa dalgaa hawaasa gidduutti uumamutti qajeelchuudhaan, balaa wiirturratti itti cimaa dhufe kana xiqqeessee agarsiisuu fi sodaa kufaatii keessasaa jiru laaffisuu fi ukkaamsuuf kaayyeffate.
C. Yaadota Furmaataa fi Waamicha Keenya
3• Dhaabbilee Mirga Namoomaa Walabaa ta’aniif
Qorannoon hatattamaa fi bal’aan walaba tahe dhimmoota walqabatoo akka: buqqa’iinsa ummata nagaa, haleellaa boombii humna qilleensaa fi viidiyoo suukanessaa miliqee bahe kana irratti gaggeeffamuun barbaachisaa dha. Gochoonni sirnichaa itti gaafatamummaa idil-addunyaatiif galmaa’anii kaa’amuu qabu.
- Hawaasa Idil-addunyaatiif:
Gochi mootummaa Abiy Ahmed falmii aangoof biyya keessatti godhamu irra darbee akka babal’achaa jiru hubadhaa. Abiy Ahmed irra deddeebi`ee, qabxiiwwaan garaagarummaa sabootatti dhimma bahuun akkasumas jeequmsa dalgaa saboota jidduutti kakaasuun isaa tasgabbii Itoophiyaaf sodaachisaa tahuurra darbee naannicha (Afrikaa Bahaa) irratti balaa hamaa qaba. Kanaafuu, gochoota sirnichaa balaleeffachuun fi sirnicharri dhiibbaan idil-addunyaa cimaan taasifamuun dirqama.
- Gareelee Dantaa Amaaraaf Dhabbanna Jedhaniif, Aktiivistootaaf, fi Hayyootaaf:
Garaagarummaan siyaasaa bu’uraa hedduun humnoota siyaasaa Oromoo fi Amaaraa gidduu jiraachuun ifa. Garaagarumman kun humnoota siyaasaa gurmaa’an gidduutti qofa keessummeeffamuu qaba malee, namoota nagaa sivilii walitti bu’iinsa siyaasaaf itti gaafatamummaa tokkollee hin qabne irratti dhiibbaa geessisuun irra hin jiraatu. Gochoota yakkaa hedduu qindeessuu keessatti qoodni mootummaan Abiy qabu kan hin haalamne ta’ee odoo jiruu, gareewwan milishaa ‘Faannoo’ ofiin jedhan hedduun Oromiyaa keessa qaxxaamuranii jiraattota Amaaraa hidhatan kakaasuudhaan namoota nagaa Oromoo irratti xiyyeeffatanii yakka raawwatan hedduus galmeessinee jirra. Hawaasni siyaasaa Amaaraa, tarsimoo sab-qunnamtiisaa keessa deebi’ee sakatta’uufi fi haalota jeequmsaa sirnichi lubbuun jiraachuuf jecha sabaa fi sablammoota gidduutti walitti bu’iinsa uumamutti fayyadamuuf carraa sirnichaaf uumuu irraa of fageessuu/of qusachuu qaba. Olollii fi lolli lammiilee nagaa Oromoo qulqulluu irratti raawwatamu itti gaafatamummaa waan hordofsiisuufi dhaabbachuu qabu.
Erga sirni Abiy Ahmed warraaqsa Qeerroo Oromoo hatee aangoo qabatee booda, ummanni keenya haleellaa qindaa’aa gita hin qabneef yeroo kamiyyuu caalaa saaxilameera. Haleellaan Kaaba Shaggar har`aa sun agarsiiftuu tokko qofa tahuu ummanni keenya gadi fageenyaan hubatee qabsoo hadhooftuuf of qopheessuu qaba. WBOn gama isaatiin shiftoota ‘Fannoo Darraa’ ofiin jedhan kan sirnichaan deeggaraman irratti tarkaanfii fudhachuu kan eegale yoo tahu, sirna keessisaa duwwaa, garuu hamaa ta’e kana irratti qabsaa’uu itti fufuudhaan, shira isaa saaxilaa, badiisaaf akka gaafatamuu gochaa, lubbuu namoota qulqulluu tiksuu itti fufa.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 22, 2024

