Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP Waraana Bilisummaa Oromoo Shiraan Diiguuf hojii itti fufe 

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Uummata Oromoo impaayera Itiyoophiyaa jalatti cafaqee bulchuun mirga hiree murteeffannaa fi biyya walabaa ijaarrachuu uummatichaa balleessuuf hojjechaa kan jiru Bilxiginnaan, wabii bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa kan ta’e Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo shira, araaraa fi fakkeessii adda addaan diiguuf hojjechaa jira.

Jalqaba bara haaraa faranjoootaa baatii Amajjii 2024 irraa kaasee WBO giddu galeessa Oromiyaa Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’u irratti agaammiin Waraana Bilisummaa Oromoo diiguuf Bilxiginnaan qabatee socho’aa ture hedduu dha.

Bilxiginnaan tikootaa fi abbootii garaa bobbaasuun hojiiwwan itti WBO argatan baafatanii hojiitti galanii jiru.

Hojiiwwan isaan kallattii fudhatanii ba’an Abbootii Biirgeedii hanga hooggansa gadiitti dubbifnee, teessoo qondaaltotaa barbaannee erga arganneen booda, Abbootii Gadaa fi Haadha Siiqqee itti erginee bosona bulanii akka kadhatan goonaa fi yeroo akkas goonu IGAD keessaa Haayiluu Gonfaa dabalatee akka marii irratti argaman taasisna jedhanii jiru.

Haayiluun Gonfaa ammoo Jeneraala TPLF duraanii Eertiraa hanga amma Bilxiginnaatti WBO diiguuf hojjechaa nama jiruudha.

Kana malees waan keessatti waliif galle kana uummata fuulduratti kadhaa akka fakkaatu goona kan jedhuudha. Dhimma kanaaf teessoo bilbila Jaal Abdii Mogor eenyutu arguu danda’a kan jedhuuf barbaadaa akka turanii fi namootas barbaachisanii bakka sochii isaa baruuf hojjechaa turaniiru.

Sochii diinummaa kana karoorfatanii yeroo bobbaa’anitti gareen Waldaa Tola Ooltummaa Salaalee gara Salaalee keessa maqaa weerara dhibee gifiraatiin baadiyyaarra socho’anii hojii basaasaa hojjetaa turuun barameera.

Hojiin farrummaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjetamuuf bobbaafame kun bakkoota tokko tokkotti kallattiin mul’achaa fi baasastootni Bilxiginnaan maallaqa furdaa kenneefii bobbaase harka WBO’tti qabamaa kan jiran yoo ta’u, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoos humna diinaa uummata Oromoo garbummaa biraaf kaadhimatee hojjechaa jiru irratti xiyyeeffatee loluun ajjeesee madeessaa fi qawwee irraa hiikaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version