ONM-ABO Caamsaa 6, 2023
Laga Jamaa keessa darbuun aanaa Darraa fi Salaalee qaxxaamuree daandiin gara Finfinnee geessu waggaa lamaa oliif addaan cituun, uummatni rakkoo geejjibaa hamaa keessa jiraachuu yoo dubbatan, daandii naannoo Amaaraa keessa naanna’uun gara Finfinneetti geessu gargaaramuuf ammoo rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru danqaa ta’uus himan.
Kanaan dura humnoonni finxaaleyyii Amaaraa konkolaataa naannicha keessa socho’u dhaabuun namoota afaan Amaaraa hin dandeenyee fi waraqaan eenyummaa isaanii maqaa afaan Oromoo ta’e, konkolaataa keessaa buusuun hanga danda’an reebuun, maallaqas harkaa saamuunii fi ajjeechaa irratti raawwachaa turaniiru.
Daandiin kun akka saaqamuuf irra deddeebiin gaafannus rakkoo keenya furuuf sirni amma jiru bilxiginnaan tarkaanfii kan hin fudhanne yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa gatii olaanaa uummata harkaa saamuuf jecha rakkoon kun akka hin furamneef illee dhiibbaa uumaa jiru jechuun jiraattonni harka wal keessa naqachuu abbootii qabeenyaa fi caasaa bilxiginnaa aanota kanaas komataniiru.

