Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Baatee keessatti daandiin konkolaataa ciccituu irraan kan ka’e jiraattotni rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsan.

ONM-ABO Caamsaa 14, 2024

Murni bilxiginnaa maqaa daandii isin jalaa caccabe deebisnee isiniif tolchina jedhuun hawaasa irraa qarshii waggoota lamaaf goyyomsee funaannachaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoo ta’u, uummanni yeroo ammaa lafti ciccituu fi dhoqqaa’uu irraan kan ka’e konkolaataan yeroo hunda deemuu kan hin dandeenyee fi yoo deemes gatii humnaa olii hawaasni kafaluu hin dandeenye gaafachuun jiraattotni rakkoo hamtuu keessatti kufaniiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Qaraaruu 02 keessatti daandiin gara Caffaa Roobit nama geessu akkaan caccabee namoota rakkisaa akka jiru maddeen himaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanaa Baatee keessatti daandiin guddichi wiirtuu ganda Eelaa fi Baatee wal qunnamsiisu hedduu caccabuun miidhaan lubbuu namootaa fi qabeenyaa keenyaa irra ga’aa waan jiruuf, qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo keenya itti himannee dhageettii waan dhabneef, uummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa sagalee nuuf ta’uun rakkoo irra jirru keessaa akka nu baraartan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Akka jiraattotani aanaa Baatee jedhanitti ganda Eelaa irraa magaalaa Baatee nama geessuuf Bajaajiin takka qarshii 300 yeroo deebituuf 300 kaffalchiisuun walumaa galatti magaalicha deemuu fi deebi’uuf qarshii 600 nu gaafachaa jiru, nu ammoo miilaan deemuuf daandiin nutti fagaata qarshii 600 kafallee deemuuf yeroo qaala’iinsi jireenyaa hammaate kanatti nutti ulfaateera jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Exit mobile version