ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Murni rakkoo hawaasaaf dursa hin laanne bilxiginnaan yeroo adda addaatti akkuma amala isaatii uummata goyyomsuun maqaa daandii isaniif tolchinaa fi ibsaa galchina jedhuun hawaasa irraa maallaqa guurrachaa kan turanii fi yeroo ammaas itti jiran yoo ta’u, garuu qarshiin maqaa daandii fi ibsaa galchinaan guuramu kun uummatichaaf bu’aarra oolaa jira osoo hin taane, ergamtootni bilxiginnaa kun walii isaanii gidduutti qoqqooddachuun faayidaa dhuunfaa isaaniirra oolfatanii hawaasicha ammoo rakkoo bu’uuraalee misoomaaf akka saaxilaman taasisaniiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee seensa magaalaa Caffaa Roobit bakka addaa Qaraaruu jedhamuun beekamutti daandiin guddichi gara magaalaa Sanbatee deemu sababa roobaan dhoqqaa’uu fi ciccituun konkolaataan keessa darbuuf hedduu rakkachaa jiraachuu jiraattotni dubbatan.
Akka jiraattotni jedhanitti qaama dhimmi ilaallatuun maqaa daandii sirreessinaan hulaa keenyarra deemtanii qarshii nurraa guurtu, kan hin qabneen illee liqeeffadhaa nuti isinumaaf jenneeti jettanii funaannachaa turtan, meerre wanti nuuf sirreessitan? jedhanii gaafatanis, gareen saamtootaa Bilxiginnaa kun hojii isaanii waan beekaniif hawaasa kanaaf deebii tokko osoo hin kennin callisanii ija tuffiin akka qoosaatti ilaalaa turuu isaanii dabaluun ibsaniiru.
Ergamtootni murna Bilxiginnaa yeroo hawaasni Oromoo rakkoolee isaan irraan ga’aniin gidiraa hamtuu dhamdhamaa jiru kanatti karaa dabballootaa fi miidiyaa isaanii gadi ba’anii akka waan Impaayerattii keessa nagaa malee rakkoon hin jirree, keessattuu uummanni Oromoo bulchiinsa isaanii jalatti nagaa argatee jiruu fakkeessuun soba dhugaa irraa fagoo ta’een yeroo hololantu argama.

