• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti sababa roobaan daandiin konkolaataa guddichi ciccitee jiraattotni rakkachaa jiraachuun barame

Sep 14, 2024

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Murni rakkoo hawaasaaf dursa hin laanne bilxiginnaan yeroo adda addaatti akkuma amala isaatii uummata goyyomsuun maqaa daandii isaniif tolchinaa fi ibsaa galchina jedhuun hawaasa irraa maallaqa guurrachaa kan turanii fi yeroo ammaas itti jiran yoo ta’u, garuu qarshiin maqaa daandii fi ibsaa galchinaan guuramu kun uummatichaaf bu’aarra oolaa jira osoo hin taane, ergamtootni bilxiginnaa kun walii isaanii gidduutti qoqqooddachuun faayidaa dhuunfaa isaaniirra oolfatanii hawaasicha ammoo rakkoo bu’uuraalee misoomaaf  akka saaxilaman taasisaniiru.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee seensa magaalaa Caffaa Roobit bakka addaa Qaraaruu jedhamuun beekamutti daandiin guddichi gara magaalaa Sanbatee deemu sababa roobaan dhoqqaa’uu fi ciccituun konkolaataan keessa darbuuf hedduu rakkachaa jiraachuu jiraattotni dubbatan. 

Akka jiraattotni jedhanitti qaama dhimmi ilaallatuun maqaa daandii sirreessinaan hulaa keenyarra deemtanii  qarshii nurraa guurtu, kan hin qabneen illee liqeeffadhaa nuti isinumaaf jenneeti jettanii funaannachaa turtan, meerre wanti nuuf sirreessitan? jedhanii gaafatanis, gareen saamtootaa Bilxiginnaa kun hojii isaanii waan beekaniif hawaasa kanaaf deebii tokko osoo hin kennin callisanii ija tuffiin akka qoosaatti ilaalaa turuu isaanii dabaluun ibsaniiru.  

Ergamtootni murna Bilxiginnaa yeroo  hawaasni Oromoo rakkoolee isaan irraan ga’aniin gidiraa hamtuu dhamdhamaa jiru kanatti karaa dabballootaa fi miidiyaa isaanii gadi ba’anii akka waan Impaayerattii keessa nagaa malee rakkoon hin jirree, keessattuu uummanni Oromoo  bulchiinsa isaanii jalatti nagaa argatee jiruu fakkeessuun soba dhugaa irraa fagoo ta’een yeroo hololantu argama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading