ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Murni bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeesee, hidhee, qe’ee irraa buqqisee balleessuu fi abdii kutachiisuu dadhabuun, diingdee fi hawaasummaan uummaticha dadhabsiisuuf gochaa badii isaa raawwatu jabeessee itti fufee jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti ibsaa fi geejjibni konkolaataa kamuu akka hin sochoone gaafa Waxabajjii 21, 2024 ganama sa’a 1:00 irraa kaasuun yoo dhorkamu, akka aanaa Harxummaa Furseetti dhukkubni busaa hammaatee waan jiruuf jiraattotni baadiyyaa irraa ka’anii hospitaala magaalaa deemuuf daandiin dheeraa waan ta’eef namoonni danuun quba qabeenyaa fi qoricha tokko malee miidhamaa akka jiran jiraattotni aanichaa ibsaniiru.
Geejjibni dhaabbate kunneenis magaalaa Kamisee irraa Qalloo akka hin baane, Qalloo irraa Jimaatee akka hin deemne Caffaa Roobit irraa Qiciicoo fi Fursee akka hin seenne; Fursee irraa Sanbateetti akka hin sochoone godhaniiru.
Oduu hidhaa fi reebichaan wal qabatuun magaalaa Jimaatee keessatti kaleessa Waxabajjii 21, 2024 dargaggoo dhalootaan magaalaa Qalloo ta’e kan maqaan isaa nu hin geenye tokko rifeensi kee dheeraadha jechuun rifeensa gogaa irraa haadanii harka duubatti hidhuun uleedhaan tumaa lafarra harkisuun Jimaateetti yoo hidhan, Barsiisota Caffaa Eddootti barsiisanii magaalaa Jimaateetti galaa jiran milishoonni sirnichaa daandii gubbaatti eeguun namoota maqaan isaanii rakkoo neetworkiif jecha adda hin baane hedduu reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hospitaala seenanii yaalamaa jiraachuu dabaluun dubbatu.
Dabalataanis godinichuma magaalaa Kamisee keessatti Isuzu namootaa dirqamaan irraa guuruun waraana isaanii ittiin deddeebbisaa jiraachuu fi magaalichuma keessatti maqaa ispoortiin jiraattota uffannaa, kophee fi wantoota adda addaa gurguruun of jireessan guyyaa Kamisaa qarshii 500 guyyaa Jimaataa 100-200 walitti fufiinsaan irraa guuruun namoota waan kaffallu hin qabnu jedhan harka duubatti hidhuun mana hidhaatti galchanii qarshii 1000-2000 kaffaltan malee hin baatan jechuun gidirsaa akka jiran maddeen keenya dabaluun ONM’tti himaniiru.

