Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Harxummaa Furseetti loltoonni sirna impaayera biyyattii namoota nagaa 4 ajjeesuun hedduu madeessan

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Murni gabroomfataan PP uummata Oromoo Walloo irratti addatti xiyyeeffachuun finxaaleeyyii Amaaraa waliin dabaree itti darbee guyyaa guyyaan duula hawaasa nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi hiraarsuun mana irratti barbadeessee dararaa ulfaataa ta’e irraan gahaa kan jiru yommuu ta’u, ona Harxummaa Furseetti hawaasa nagaa keessaa nama 4 ajjeesuun hedduu kanneen ta’an immoo madeessuun jiraattota mana hiraarsaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Ona Harxummaa Fursee ganda Odaa Bal’aa bakka addaa Gola Qalamee jedhamutti  Waxabajjii 26, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Ahimad Huseen
  2. Ahimad Mahaammad
  3. Hasan Sayidoo fi
  4. Alii Usmaan Mahaammadee jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa eeran.

Onuma kana ganda Fursee jedhamurraa kanneen madaa’an immoo namoota maqaan isaanii Aliyyii Ahimad Walee fi Adam Mahaammad Hasan jedhaman rasaasa loltoota sirnichaan dhahamanii madaa’anii jiraachuu maddeen keenya ibsanii jiru.

Kana malees jiraattota onichaa ukkaamsuun hidhanii reebicha hamaa irraan gahaa jiraachuu jiraataan akka maqaan isaa hin dhaa’amne barbaadu ibseera.

Ganda Bookkisaa jedhamu irraa gara ganda Odaa Bal’aa deemanii kan turan namoota maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Ruufaa,
  2. Ahimad Usmaan,
  3. Usmaan Sulxaan Aliishoo jedhamanii fi

kanneen biroo 6 guyyuma dheengaddaa badii tokko malee ukkaamsuun mooraa Raayyaa Ittisa Impaayeerattii Qaraaruu jedhamutti naqanii reebicha hamaa irraan gahaa turuu fi murni bilxiginnaa uummata Oromoo ona Harxummaa Fursee irraa tajaajiloota akka: ibsaa, bishaan dhugaatii fi neetwoorkii irraa cufee dararaa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version