Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Harxummaa Furseetti loltoonni impaayera Itoophiyaa lola uummata irratti bananiin namoota nagaa ajjeesuu fi madeessuun himame

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Uummanni Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo jiraatan mootummoota dhufaa darbaa impaayera Itoophiyaa leellisaniin yeroo adda addaatti duulli duguuggaa sanyii irratti banamuun miidhaa ulfaataan irra gahaa kan ture yommuu ta’u, yeroo ammaa kanas bifa haaraan mootummaan gabroomfataa impaayera Itoophiyaa ona Harxummaa Furseetti duula duguuggaa sanyii uummata irratti banuun namoota nagaa ajjeesaa fi madeessaa turuun ibsameera.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 29, 2024 nama maqaan isaa Adam Hasan Maammaa jedhamuu fi jiraataa ganda Dheeraa kan ta’e lola loltoonni sirnichaa uummata irratti bananiin ganda Golboo Arbaa ykn Wajiiree jedhamutti lubbuun isaa darbuu jiraattonni gandichaa eeraniiru.

Akka jiraataan gandichaa jedhutti, “guyyaa kaleessaa kana namoota maqaan isaanii adda hin baane 6 ta’an ukkaamsuun gara magaalaa onichaatti fuudhanii deemuus ibsan.

Dhukaasa murnoonni bilxiginnaa uummata irratti bananiin namoota hedduun kan madaa’an yoo ta’u ammaaf hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaan isaanii kan nu hin geenye yoo ta’u, duula duguuggaa sanyii sirni abbaa irree ilmaan finxaaleyyii Amaaraa waliin nurratti baneen baay’ee miidhamaa jirra jedhu uummatni naannichaa.

Tajaajiloota akka: ibsaa, bishaan dhugaatii, neetwoorkii fi k.k.f nurraa cufanii nu hiraarsaa jiru jechuun, madoon keenyas bakka itti yaalamu hin qabu, yoo onichatti geessine du’a dabalataaf saaxilamna jechuun rakkoo irra ga’aa jiru ibsatu.

Akka uummanni Walloo duguugamee lafarraa dhumuuf hojjechaa kan jiru bulchaa onichaa ta’uu kan dubbatu namni maqaan isaa akka xuqamu hin barbaanne kun, bulchaan ona Harxummaa Fursee yeroo as dhiyoo muudame kun, kana duras finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata onichaa ajjeechaan duguugaa kan ture ta’uus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Exit mobile version