Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti dabballootni PP maqaa WBO’tu gale jedhuun qonnaan bultoota walitti qabanii diraamaa  hojjechuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Murni Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabe Bilxiginnaan yeroo gara yerootti hojiilee fakkeessii fi maqa-balleessii ta’an jaarmiyaa ABO-WBO irratti hojjechaa kan turee fi yeroo ammaas kan itti jiru yoo ta’u, qonnaan bultoota Oromoo fi sabboontota gidduu akka meeshaa siyaasaatti itti fayyadamaa jira.

Daandiin tokkichi Oromoo’n dukkana gabrummaa jalaa ittiin ba’ee Oromiyaa bilisoomtee fi walaboomte ijaaru qabsoo hidhannoo qofaan ta’uu namuu bareechee kan beeku ta’us, Bilxiginnaan akka waan waraanni Bilisummaa Oromoo karaa nagaa galaa jiruu fakkeessuun diraamaa isaanii hojjechuu itti fufuun Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti uummata ittiin goyyomsaa jiru.

Qonnaan bultoota hojii idilee isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatan hidhattootni sirnichaa manaa fi bakkoota hojii isaanii irraa qabuu bira darbanii gabaa keessatti illee namoota adamsuun ukkaamsanii erga hidhanii booda WBO’tu karaa nagaa gale ittiin jechuun qaanii tokko malee fakkeessaa oolu.

Sadaasa 23, 2024 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit fi ganda Coqorsoo Funyaan Sullee keessaa hidhattootni sirnichaa abbootii warraa fi dargaggoota hedduu walitti qabuun WBO’tu karaa nagaa gale ittiin jechaa turan.

Qonnaan bultoota Bilxiginnaan diraamaa siyaasaaf itti fayyadamaa jiru keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Jamaal Mahaammad Umar,
  2. Huseen Mahaammad Adam,
  3. Huseen Mahaammad fi 
  4. Ibraahim Adam ta’uu ONM jiraattota aanichaa irraa qulqulleeffateera. 

Namoonni kunneen qonnaan bultootaa fi keessattuu baay’inaan abbootii warraa ta’uu jiraattotni himuun, murni Bilxiginnaa hawaasa nagaa taphni siyaasaa hin galleef maqaa WBO’tu galaa jira jedhuun sobee tirgaa siyaasaa ittiin taphachaa jira.

Kun ammoo fudhatama hin qabu, inumaa mallattoo kufaatii sirnichaa agarsiisa kan  jedhan jiraattota aanaa Harxummaa Fursee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.

Exit mobile version