Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti loltoota sirnichaan hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamu daran jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Uummata meesha maleeyyii hidhata qaama siyaasaan yakkanii hidhuu, ajjeesuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi qe’ee isaa irratti doorsisuun akka waan nageenyi waaraan dhufuutti kan fudhatan tiksitoonni sirna bututtuu Itiyoophiyaa, Koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo akka goolaniif bobbaafaman gochoota badii isaanii hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo Funyaan Sullee keessaa torbee darbe Sadaasa 14, 2024 hidhattootni sirnichaa jiraattota gandichaa kan ta’an namoota 6 kanneen maqaan isaanii:

  1. Ahimed Adam,
  2. Muusaa Aliyyi,
  3. Ahimed Huseen,
  4. Hasan Alii,
  5. Hasan Ibraahim fi 
  6. Usumaan Alii kanneen jedhaman reebicha cimaa ta’e irraan ga’uun magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii dararaa jiru.

Namoonni ergamtoota murna Bilxiginnaan manaa fi ooyiruu isaanii keessaa reebamuun hidhaman kunneen qonnaan bultoota hojii isaanii qofa dalagachuun ofii fi maatii isaanii jiraachifatan malee siyaasa kamuu kan hin hordofne ta’uu jiraattotni gandichaa himuun, hidhattootni sirnichaa garuu maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhuun reebicha suukkanneessaa irratti raawwachaa jiraachuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffachuu danda’eera.

Waraanni faashistii PP kun guyyaadhuma namoota kanneen reebanii hidhan gandichumatti shamarree maqaan ishee Faaxoo Ammee jedhamtu iddoo isheen loon tiksaa jirtutti itti dhaqanii reebicha suukkanneessaa irratti raawwachuun biraa deemuu fi shamarreen kunis yeroo ammaa garmalee waan reebamteef haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta’ee jira. Akkuma aanichaatti hidhattoota sirnichaan hawaasni hojii dhuunfaa isaanii dalagatanii jiraachuuf akkaataa itti ba’anii galan dhabuun gidiraa hamtuu keessummeessaa akka jiran barameera.

Exit mobile version