Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtootni sirnichaa oomisha namootaa mancaasisuun qamadii qofa akka qotaniif jiraattota dirqamsiisaa jiru

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti waan barbaade oomishachuuf mirga guutuu osoo qabuu faallaa kanaa ammoo garee abbaa irree bilxiginnaan dirqisiifamuun kan nuti jenne malee hin oomishtan jedhamanii oomishni isaan yeroo dheeraaf itti dadhaban jalaa mancaafamuun jabaatee itti fufeera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee gandoota akka; Bishee, Bal’aa, Buttuu, Elemoo fi kanneen biroo maqaan hin eeramin hedduu keessatti Muddee 16, 2024 bulchaa godina Walloo Obbo Ahimed Ali Abbaa Afuroo dabalatee caasaaleen Bilxiginnaa gandoota armaan olitti caqafaman kanneen keessa naanna’anii jiraattotaan qamadii facaaftu jechuun dirqiin oomisha buqqisiisaa turan.

Oomishni jiraattotaa lukkeelee bilxiginnaan dirqiin buqqifamaa jiru kunneen qallubbii adii, qullubbii diimaa, timaatima, qaaraa, loozii, baala shaayee, burtukaana, maangoo, paappayyaa fi kkf’n ta’uu maddeen himuun, yeroo jiraattotni kun lafti keenya qamadii qotuuf hin ta’u, oomisha keenya nu jalaa hin mancaasinaa jedhanii ergamtoota maafiyaa PP kana kadhatanitti, dirqama qottanii facaaftu kana hin gootan yoo ta’e ajaja keenya diddan, ilaalcha biraatu isin keessa jira booda itti gaafatamaan matuma keessani jedhanii akeekkachiisuun qabeenyaa kana mancaasisanii dirqiin akka qotan taasisaa jiraachuu dabaluun dubbatan. 

Koloneel Abiy Ahimed yeroo adda addaatti oomisha qonnaan bultoota Oromoo mancaasisuun qamadii akka qotaniif dirqisiisee boodarra ammoo nuti qamadii biyya alaatti ergaa jirra jedhee ija mootummoota idil-addunyaa duratti beekamtii fi jaallatamummaa argachuuf jecha of dhaadessuun yeroo dubbatu mul’atus uummatni impaayerattii miliyoonni 20 ol gargaarsa kan eeggatanii fi miliyoonni 86 ammoo hiyyummaa keessa jiraachuu ragaan Dhaabbata Mootummoota Addunyaa ni addeessa.

Exit mobile version