Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti bulchitoonni sirnichaa maqaa qamadii nuti jenne sirnaan qotaa hin jirtan jedhuun jiraattota doorsisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Akka jiraataan aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko jedhutti, bulchitoonni sirnichaa seensa bara 2024 fedhii hawaasaa malee dirqiin  ooyiruu qamadii akka qonnuuf nu ajajan, nuti ammoo lafti keenya qamadiidhaaf hin ta’u jenneetu itti himaa turre, garuu namni yaada keenya nuuf hubate hin jiru” inumaa qotaa isiniin jenneerra dinnaan mataa isin irraa facaafna jechuun nutti dhaadatanii nu doorsisuun qamadii bara 2024 ooyiruu keenya guutummaa akka facaafnu nu taasisan jedha.

Qamadii kanneenis dirqiin erga facaafnee lafti keenya qamadiidhaaf waan hin taaneef lafti nuti armaan dura boqqolloo ardaba 30 fi isaa ol irraa galfachaa turre qamadii ardaba tokko nuuf oomishuu hin dandeenye qamadiin sunis rooba dhabuu irraa kan ka’e kaan akkuma faca’een osoo hin biqilin badee hafes jechuun ibsa.

Maal na dhibdee fi gara jabummaa lukkeelee PP’nis namoonni hedduun beelaaf saaxilamuu kan himu jiraataan kun, rakkoolee jajjaboo oomshtummaa irratti hawaasa quunname irraa kan hin baranne murni kun bara kanas dirqisiisanii qochiisiisaa jiraachuu itti dabaluun ONM’f eerera.

Kana malees jiraataan kan biraan tokko gandichuma irraa akka jedhutti, oomishni bara darbe murni PP dirqiin akka qonnuuf nu taasise bu’aa homaayyuu kan hin qabne ta’uu ibsuun, tibbana roobni waan hin jirreef oomishni kun gara goguutti deemaa jiras jedha. Jenereeteroota fayyadamnee callaa gaarii akka hin galfanneefis bulchaan ganda Wagaree Dabbasoo, Aliyyee Adam Aliyyee jedhamuu fi namni maqaan isaa Bazzuu jedhamu bishaan akka hin obaafneef erga nu dhorkanii guyyoota 23 ol lakkoofsiseera jechuun dabaluun ibseera.

Exit mobile version