Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caasaaleen Bilxiginnaa Godina Wallootti lafa horsiisee bulaan loon itti bobbaafatan konkolaataa qonnaan qotachuun qamadii facaafatan

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Uummanni Oromoo Walloo akkuma beekamu horsiisa looniin kan jiraataniidha. Magaalaa Kamisee cinatti kan argamtu iddoon addaa Caffaa jedhamtu lafa akkaan magariisaa fi dheeda/marga loonii qabdu yoo taatu sababa kanaanis yeroo roobni didee lafti bonaa’uun hongeen baay’atu jiraattotni godinichaa aanota garaa garaa kanneen akka Dawwee Harawaa, Harxummaa Fursee, Jiillee Dhummuuggaa fi Daawaa Caffaa loon isaanii hongeen akka jalaa hin miidhamneef Caffaatti godaansisuun kan jiraataniidha.

Haa ta’u malee lukkeeleen Bilxiginnaa tibba kana Muddee 17, 2024 irraa eegaluun qajeelfama qaama olii irraa  itti kennameen lafa jiraattotni loon itti bobbaafatan kanneen heektaara 36-36 konkolaataa qonnaan qotuun qamadii mootummaadhaaf facaasuu qabdu ittiin jedhanii Muddee 17, 2024 gara galgalaa irraa kaasuun  hanga kaleessa Muddee 22, 2024 kanaatti lafa horsiisee bulaa kanneen konkolaataa qonna qottuun qamadii qotachaa akka jiran jiraattotni dabaluun dubbataniiru.

Akka jiraattotni godina Walloo aanaalee garaa garaa irraa ONM dubbise jedhanitti, nuti hanga ammaatti loon keenya Caffaatti jiraachifachaa jirra, lafa sana ammoo waggaa tokkoo fi lama qofa irra jiraanne osoo hin taane, akaakayyuuf abaabayyuu keenya irraa dhaalle isaantu nuun eege, nuti ammoo lafti horsiisa keenyaa maaliif qotama? jennee caasaalee bilxiginnaa kanneen yoo gaafanne deebiin keenya ajjeefamuu fi hidhamuu qofa waan ta’eef, akkaataa itti dubbannuu fi qaama itti himannu dhabnee jirra jechuun gadda guddaa xiiqiin guutameen dubbataniiru.

Exit mobile version