ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Kombolcha Caancoo keessatti jaleewwan PP kanneen dantaa dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa nagaa hiraarsaa oolan, maqaa investiment jedhuun lafa uummanni gandichaa loon isaanii itti bobbaafatan dirqamaan nama dhuunfaaf dabarsanii kennuu jiraattonni gandichaa ONM dubbise eeraniiru.
Akka jiraattonni kunneen himanitti “osoo uummanni gocha kana dura dhaabbatee mormuu hidhattoota sirnichaa itti bobbaasuun dirqamaan nama dhuunfaaf dabarsee kan kenne itti gaafatamaa aanichaa nama maqaan isaa Taakkalee jedhamuu fi bulchaa gandichaa kan ta’e Baqqalee Baayyisaa nama jedhamu akka ta’es” himaniiru.
Jiraattonni gandichaa dubbifne kunneen rakkoon hawaasa naannichaa mudachaa jiru kana qofaa akka hin taane himuun ergamtoonni PP kanneen uummataaf naasuu tokkollee hin qabne, xura’aa mana fincaanii Magaalaa Shaambuu keessaa walitti qabamu konkolaataa Boottee bobbaa namaa guuruutti fe’anii bakka manneen uummataa hedduun jiru ganduma kana bakka addaa Dugda Lukkuu jedhamutti geessanii gataa akka jiranis dubbataniiru.
Sababa foolii balfa kanaanis, namoonni naannicha jiraatan dhibeewwan daddarboo garaa garaaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, addatti ammoo daa’immanii fi maanguddoonni salphaatti dhukkubaan hubamaa jiraachuu fi balfi kunis bakkichatti gatamuu erga eegalee waggaa tokko akka darbe ibsaniiru. Yeroo garaa garaatti sadarkaa godinaatti illee hawaasni gochi kun akka irraa dhaabbatuuf iyyatanis hanga ammaatti furmaata dhabanii rakkoo ulfaataa keessa jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

