ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Murni saamuu malee gargaaruu, balleessuu malee tolchuu, hidhuu malee hiikuu, akkasumas ajjeesuu malee du’arraa baraaruu hin beekne bilxiginnaan erga aangoo impaayerattii yaabee kaasee uummata Oromoo ajjeesuu, saamuu, mana irratti gubuu fi qe’ee irraa buqqisuu bira darbee ifaan ifatti ba’uun uummata qaali’iinsa jireenyaan waxalamaa jiruun maqaa lafa keessan irraa ka’aa abbootii qabeenyaa fi caasaa bilxiginnaaf kenninaa jedhuun beenyaa tokko malee jiraattota lafa isaanii irraa buqqisaa jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Shaaklaa keessatti lukkeeleen bilxiginnaa Hagayya 1, 2024 irraa eegalee maqaa lafa keessan abbootii qabeenyaa fi bulchaa ganda Shaaklaa magaalaa Kamisee jiraachaa jiruuf ganda Shaaklaatti manaa fi lafa kennineefii akkasumas gandichas qulqullina isaa eegnee magaalaa bareedaa gochuu qabnaan uummata miidhaa jiru.
Jiraattota ganda Shaaklaa cufa caasaaleen PP kun lafaa fi mana isaanii irraa buqqisuun bulchaa gandichaa fi abbootii qabeenyaa kanaan ammoo akka waan maallaqa warra lafaaf kennanii jiraniitti murnoonni PP kun deemaa fudhaa jedhanii humna waraana isaanii waliin ooyruu uummataatti erguun bulchaa fi abbootiin qabeenyaa kun fudhatanii uummannis irraa buqqa’ee akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattotni ganda Shaaklaa ONM’tti himanitti lafti nurraa fuudhamee bulchaa gandichaa fi abbootii qabeenyaaf kennamaa jiru kun kan nuti yeroo dheeraaf irra qotannee jiraachaa turreedha, nuti ammoo oomisha waggaatti si’a takka qofaa galfanna, yeroo ammaa kanas midhaan facaafannee turre, murnoonni PP kun dhufanii midhaan gosa adda addaa loon nyaachisuun lafa warreen kanaaf kennan jedhan.
Kana malees oomishaalee nu ooyruu irraa qabnu kanneen akka maangoo, burtukaana, paappayyaa, jimaa fi baargamoo qottoon ciruun nu jalaa mancaasaa jiru, nutis beenyaa tokko malee lafa keenya irraa nu buqqisaniiru jechuun miira gaddaan dabaluun ibsan.
Gareen saamtotaa bilxiginnaa kun baatii Fulbaanaa kana keessa lafti keessan isiniif deebi’a, warreen lafa keessan irraa buqqaatanii turtan cufti qarshii 200,000 walitti qabaa fidaa jedhanii erga irraa fuudhaniin booda, lafti keessan argamuu hin dandeenye jechuun kan lafaa malees maallaqa irraa saamaa turuu isaanii dabaluun himaniiru.

