Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Rakkoo dinagdee mudateen ogeessotni fayyaa kaffaltii dabalataa kan halkanii dhabaa jiraachuun barame 

ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024 

Murni garboomfataan impaayerattii sababa dinagdeen isaa kufeef hojjettoota isaaf illee miindaa waan fidee kaffalu dhabuun yeroo adda addaatti mormiin irratti dhalataa kan jiruu dha.

Akka guutuu Oromiyaatti bilxiginnaan rakkoo dinagdee hamaa isa mudateen hojjettoota isaa irraa kaffaltii hir’isaa kan jiru ta’uun, ogeessota fayyaa irraa kaffaltii dabalataa kan halkanii irraa dhaabuun ifoomee jira.

Ogeessonni fayyaa guyyaa hojjetanii halkanis itti dabaluun diirqama faayidaan eegameef kan hojjetan yoo ta’u yeroo ammaa kana immoo sababa rakkoon dinagdee hamaan irra ga’eef kaffaltii idileen alaa kan hojii isaanii halkaniif kaffalamu “baajanni hin jiru” jechuun ogeessota fayyaa rakkoo hamaaf saaxilanii jiraachuu ogeessonni fayyaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti rakkoon hojjettoota mootummaa mudachuu itti fufuun hojjettootni mootummaa doormii fi waajjira keessa bulaa akkasumas yeroo laaqanaa mana amantiitti dabarsaa jiru.

BBC’n afaan Oromoo akka gabaasettis Barsiiftoonni yunivarsitii barnoota digrii sadaffaa isaanii barataa jiran haala jireenyaa cimaa keessatti argamu jechuun barsiiftoonni maatii guddaa qaban ammoo sababii qaala’insa kiraa manaatiif jecha maatii bittinsuuf dirqamaniiru jedha.

Kana malees barsiiftoonni ijoollee isaanii waliin jiraachuuf rakkatan, maatii gara baadiiyyaa fagootti bakka dhaloota isaaniitti erguun baayyee kan barame ta’eera jechuun gabaasuun isaa ni yaadatama 

Exit mobile version