Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Warshaan Simmintoo Habashaa hojjettoota isaa irraan miidhaa ga’aa jiraachuun barame

ONM-ABO Guraandhala 17, 2024 Impaayerattii keessatti seera hojjettootaa bara 2003 labsii lakk. 377/2003 ba’een seerri ittiin hojjettoota mirgaa fi dirqama isaanii eeguun bulchan ba’us, har’a warshaaleen Itoophiyaa keessa jiran humna namaatti akka qodaatti fayyadamaa jiru.

Haaluma kanaanis warshaan Simmintoo maqaa Habashaa moggaafachuun Aksiyooniin dachee Oromiyaa aanaa Wal Maraa bulchiinsa magaalaa Holotaatti dhiyoo kana ijaarame, hojjettoota yeroo fi dhaabbataan qacaran kanneen gosaa fi fira aangoo akkasumas finxaaleyyii irraa homaa hin qabne addatti dararaa irraan ga’aa jiru.

Maallaqni yeroon kaffalamaafii akka hin jirre kan himan hojjettootni warshichaa, namootni hojii humnaa achi keessaa hojjetanii fi hojjettoota yeroof miindeffamanii hojjetan warshichi humnaa ol itti fayyadamuun rakkoo fayyaaf saaxilamaa kan jiran hedduu dha.

Namoota hojii humnaa olii fi seera cabse irratti warshichi bobbaasuun miidhaman, bulchitoota waajjirichaaf iyyata tajaajila fayyaa fi kanneen biroo akka argataniif yeroo dhiyeessanitti harkatti diduun hojii irraa illee ari’aa akka jiran barameera.

Hojii geggeessaan warshichaa obbo Axiif Sayidii fi Aksiyoona warshichaa keessaa parsantaa olaanaa kan qaban waliin miindaa garaagarummaa olaanaa hojjettoota dhaabbatoo fi guyya guyyaa gidduu kaa’uun dantaa isaaniif oolfachaa jiru.

Kana malees miindaa dabaluu diduu, deggersa taasifamaa ture irraa kutuu fi hojjettoota guyya guyyaa irraa Anshuraansii kutuun yoo duutan malee hin qabdan jedhanii itti qoosu.

Namoota mirga isaaniif gaafatan ammoo dhaqaa Waraana Bilisummaa Oromootti himadhaa jechuun deggertootni WBO isin hin sodaannu, murni bilxiginnaa balleessaa jira jechuun maqaa bilxiginnaan WBO waamtuun itti dhaadataa oolu.

Warshichi akeeka dhaabbateef kan faayidaa warra Aksiyoonaan cinatti hawaasa naannoo tajaajilu akka qabutti hojii adda addaa hawaasichaaf hojjechuuf tarreessaa turanis miidhaa qaqqabsiisuu malee hawaasicha fayyadaa akka hin jirre hojjettootni Warshaa Simmintoo Habashaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version