Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa jumlaa fi reebichi lammiilee nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Sabaa fi sablammoota Impaayerattii keessa jiran keessaa addatti uummata Oromoo qofa irratti xiyyeeffachuun hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisuun gidiraa hamtuu agarsiisaa kan jiran tiksitootni Impaayera Itiyoophiyaa gochoota badii isaanii raawwatan ittuma fufuun, lammiilee nagaa gaaffii seeraa tokko malee hidhaatti darbachuu jabeessaniiru.

Muddee 29, 2024 godina Walloo aanaa Baatee ganda Madaafaa keessaa hidhattootni murna Bilxiginnaa maqaa WBO nyaachiftu jedhuun maatii tokko keessaa namoota 4 Obbo Sayid Hasanuu, haadha manaa isaa Aadde Mayiruu Goshee, intala isaanii Hawwaa Sayidii fi ilma isaanii dargaggoo Ahimed Sayid, akkasumas abbaa fi ilma kan ta’an Obbo Mahaammad Arab fi ilma isaanii Huseen Mahaammad Arab namoota jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun mana hidhaa aanichaatti darbataniiru.

Jiraattotni nagaan garmalee reebamuun hidhaatti darbataman kunneen badii dalaganiif osoo hin taane sobaan yakkamanii maqaa WBO soortu jedhuun kan hidhaman ta’uu fi namni adda durummaan aanicha keessatti hawaasa nagaa dararee dararchiisaa jiru milishaa sirnichaaa maqaan isaa Huseen Maammee jedhamu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version