Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu  keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa lammiilee nagaa saamuu, reebuu fi mana irratti gubuu jabeessan

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Muddee 22 fi 23, 2024 aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee Ittachaa jedhamu keessaa loltoonni Bilxiginnaa Deessisaa Margaa fi Rabbasaa Girshaa namoota jedhaman jalaa korma tokko tokko yoo qalatan, Lalisee Waggaarii jalaa ammoo osoo isheen gara gabaa deemaa jirtuu daandii irratti eeggachuun qarshii 14,000 saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii hammeessuun, ganduma kana keessaa Muddee 23, 2024 hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qaba maqaa jedhuun nama maqaan isaa Araarsaa Morkaa jedhamu qabuuf gara mana isaa deemanii isa manaa dhabuun obboleessa isaa kan ta’e Camadaa Morkaa kan jedhamu badii tokko malee qabuun, mana Obboleessa isaa ibiddaan akka gubuuf dirqamsiisuun,  innis “kan koon guba malee kan isaa hin gubu” jedhee hoggaa didu, kan lamaan isaaniiyyuu ibidda itti shiduun barbadeessanii isas akka malee reebanii miidhaa ulfaataa irraan gahuun yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Kombolchaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen himan.

Guyyaadhuma kana gara jabeeyyiin ilmaan namaaf naasuu tokkollee hin qabne kunneen abbaa ijoollee kanaa maanguddoo ganna 70 olii kan ta’e Obbo Morkaa Bultoo kan jedhamu ammoo “haadha warraa ilma keetii fidi” jechuun reebicha hamaa irratti raawwachuun harka isaa cabsanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version