Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hidhattoonni Faannoo hawaasa saamuu yoo itti fufan, loltoonni bilxiginnaa ammoo bosona Goodaa Kokor irratti gubaatii raawwatan

ONM-ABO Muddee 24, 2024 

Aanaa Horroo ganda Rifeentii Gabar bakka addaa Kattaa Quuxee jedhamutti hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun socho’anii fi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf ergama fudhachuun bobba’an torban kana keessa immoo haala ittiin ilmaan Oromoo dararan irratti ibsa kan baafatan, Muddee 17, 2024 nama maqaan isaa Jiraa Hulluuqaa jedhamu jalaa saawwan 3 saamuun fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Daaddoo jedhamutti bakka seenaa gooticha Abiishee Garbaa sirna nafxanyaan qabame lafa dirree Kokor jedhamu irratti gubaatii raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti “Goodaan Kokor bineensota hedduu kan qabu yoo ta’u, bosonni baay’inaan bineensota hedduu qabu gubachuu irraa kan ka’e bineensonni kunneen gara bakka birootti baqataa kan jiran ta’uu dubbatu.

Kana malees aanaa Sulula Fincaa’aa ganda Hawwii Guddinaa keessaa ergamtoonni sirnichaa hawaasa saamuun jireenya isaanii mijeeffatan Muddee 17, 2024 nama: 

  1. Obbo Fiqaaduu Hambisaa jedhamu jalaa boqqolloo ardaba 480, Saalixii ardaba 20 fi xaafii ardaba 8 yoo saaman, 
  2. Obbo Masgabuu Abarraa jalaa immoo boqqolloo ardaba 200, 
  3. Obbo Magarsaa Booree jalaas boqqolloo ardaba 300 saamanii fe’achuu jiraattotni ONM dubbise addeessaniiru.

Kana malees, ganda kana keessaa nama Obbo Yoseef Qannoo jedhaman baatii darbe keessa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda yeroo ammaa immoo mana maatii isaa deemuun boqqolloo ardaba 350 jalaa saamaanii deemanii jiraachuun eeramee jira.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee bakka addaa Shomboqqoo jedhamu irraa Muddee 16, 2024 nama maqaan isaa Obbo Shimee Amantee jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya isaa hunda waliin guutummaa guutuutti ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version