Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gubaatiin manneenii, saamichi fi hidhaan loltoota PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatu Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti cimee itti fufe

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Uummanni Oromoo baroota dhufaa darbaan sababa Oromumummaa isaa qofaaf cubbamuun qe’ee fi qabeenyaa isaa rratti ergamtoota sirnichaan ajjeechaan, saamichi, hidhaa fi gubaatiin manneenii irratti raawwatamaa jira.

Aanaa Saasiggaa ganda Gelaa Qarsaa jedhamu keessaa Muddee 16, 2024 ergamtoonni sirnichaa ilmaan namaaf gara laafina tokkollee hin qabne loltoonni Koloneel Abiy Ahimed nama maqaan isaa Obbo Shaanqoo Booboo jedhamu qabeenya mana isaa keessa jiru tokko osoo hin hambisin erga jalaa saamanii booda, mana isaa ammoo ibidda itti shiduun barbadeessanii deemuu maddeen ONM’tti himan.

Ganduma kana irraa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:

  1. Taammiruu Timqataa,
  2. Geetaachoo Taaddasaa,
  3. Hindhibuu Amsaaluu,
  4. Caalaa Asaffaa,
  5. Jarman Duulee,
  6. Ittafaa Gammadaa,
  7. Malkaamuu Waaqtolee,
  8. Misgaanaa Gabbisaa,
  9. Hindhibuu Mulaatuu jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an ammoo badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Exit mobile version