ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa jedhamu irraa Guraandhala 2, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha jabeessuun, nama maqaan isaa Obbo Hasan Malaakuu jedhamu jalaa doqdoqqee tokko fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa addeessanii jiru.
Obbo Hasan badii tokko kan hin hojjennee fi siyaasa tokko keessaa kan hin qabne ta’us maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo geejjibda” jedhuun jalaa saamuu fi ganda kana malees, magaalaa Baabboo ganda 01 irraa immoo, nama maqaan isaa Faqqadaa jedhamu jalaa horii 4 ooffatanii deemuun beekamee jira.
Kana malees ganda Kutaallaa Kussiitti Guraandhala 7, 2025 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Faqqadaa Tamasgeen jedhamu jalaa loon ooffatanii gara mooraa waraanaa isaaniitti geeffachuun beekameera.
Ittuma fufuun gandoota akka Boondaa Gulufaa, Shimal-Tokkee, Igguu Guutee fi Magaalaa Baabboo ganda 01 fi 02 keessaa uummata nagaa afaan qawween ukkaamsuun dirqamaan gara Leenjii waraanaatti ergaa jiraachuunis ifoomeera.

