Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa keessaa waraanni garboomfataa PP dargaggoo tokko haala suukkanneessaan ajjeesuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Afaaniin nagaa labsaa, dheebuu barcuma siyaasaa qabuuf jecha uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni faashistii PP, tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti koloneel Abiy Ahimediin labsame raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Jiraataa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo Caalchis bakka addaa Kooraa Waleensuu kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Gizaachoo Bulii jedhamu ergamtoonni sirnichaa maqaa leenjii waraanaa fudhatta jedhuun Onkoloolessa 19, 2024, mana maatii isaatii ukkaamsuun ganduma kana bakka addaa Facaasee jedhamu geessuun Onkoloolessa 22, 2024 ammoo baduuf yaalii taasise sababa jedhuun haala suukkanneessaa ta’een rifaatuu tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen nuuf himanitti, dargaggoon kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni bilxiginnaa ammoo badii tokko malee maqaa ‘leenjii milishummaa” jedhuun mooraa waraanaa keessatti dararaa turuu fi tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti jiraattonni hedduun leenjiif ukkaamfamaa jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version