Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dafqaan bultoota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Guraandhala 8, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee bulchiinsa magaalaa Baakkoo keessatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan Gurraandhala 5, 2025 maqaa leenjii waraanaa “farra riphee lolaa leenjitanii biyya kessaniif loltu” jedhuun namoota magaalaa keessaa hojii humnaa addaa addaa hojjetanii maatii isaanii bulchatan ukkaamsuun, kanneen maallaqa qaban irraa fudhachuun gadi lakkisaa kan turanii fi kan hin qabne ammoo dirqamaan gara mooraa leenjiitti geessanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Namoota dirqamaan mooraa leenii geeffaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e:

  1. Mirreessaa Dhugaasaa, 
  2. Mallasaa Zawudee, 
  3. Nagaraa Tolee, 
  4. Gulummaa Abdannaa, 
  5. Taammiruu Zariihuun Walee 

kan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.

Guyyaadhuma kana dubartootni hedduun abbootii warraa isaanii jalaa qabaman kanneen barbaachaaf daa’imman isaanii qabatanii wayita gara bulchiinsa magaalaa deeman, ergamtoonni Bilxiginnaa “maal hojjechuu dhuftan” ittiin jechuun reebicha hamaa irraan gahuun of irra deebisanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, Gurraandhala 6, 2025 ammoo Kaabinoonni Bilxiginnaa danuun gandoota magaalichaa keessa oliif gadi deemuun dargaggoota hedduu “magaaluma kana keessatti Poolisii taatu” jechuun maallaqaan goyyomsaa kan turan ta’uunis dabalataan eeramee jira.

Magaalaa Baakkoo keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa adda durummaan gocha kana raawwataa jiran:

  1. Itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanichaa kan ta’e, Obbo Dinqaa Boodanaa,
  2. Bulchaa ganda Dambii Gobbuu kan ta’e, Obbo Tolasaa Tukkuu, 
  3. Hoogganaa waajjira milishaa kan ta’e Shallamaa nama jedhamu akkasumas,
  4. Basaasaa fi milishaa kan ta’e Kaabinoota jala deemuun bahuuf galuu namaa kan hordofu nama maqaan isaa Taarikuu Abarraa jedhamuu fi 
  5. Itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa kan ta’e Shibbiruu Aluulee kan jedhamu ta’uun ibsameera.
Exit mobile version