ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wabeeffachuun gareen faashistii PP saamicha daangaa hin qabne hawaasa irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u karaa biraan ammoo qonnaan bultoota qonnaa isaanii irraa qabuun milishaa erga taasisanii booda deggarsa jechuun hawaasa harka qullaatti hambisaa jiru.
Ganda Boollamii Arjoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Obbo Jamaal Faatoo fi Obbo Jabaa Aadii jedhaman badii tokko malee ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun ji’oota 7 dura ukkaamsamanii loltoota sirnichaan butamuun hanga ammaa waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees, ganduma kana keessaa ergamtuu fi lukkeeleen bilxiginnaa milishaa jedhamtu “gatii milishaa fidaa” jechuun torban kana keessa qonnaan bultoota humnaan dirqisiisanii tokkoon tokkoo jiraattotaa irraa midhaan kiiloo lama lama fi qarshii digdama digdama saamaa jiru. Yeroo adda addaatti kaffaltii mootummaan maqaa gosa adda addaa itti dhahuunis qarshii hedduu irraa fudhachaa jiraachuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

