Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugootti loltoonni Bilxiginnaa maqaa “uffata milishaa binna” jedhuun saamicha raawwataa jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif danda’ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaa hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, Fulbaana 19, 2025 aanaa Shanan Dhugoo araddaa Haqaan Jiraataa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen maqaa “uffata milishaa ittiin binna” jedhuun jiraattota hunda irraa dirqamaan qarshii kuma lama lama saamaa turuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees, maqaa “qawwee isiniif binna” jedhuun torbanuma darbe keessa qarshii kuma lama lama irraa guuruu yaadachiisuun naga’ee tokko malee qarshii hawaasa irraa guuran dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa kan jiran ta’uun baramee jira.

Akka maddeen himaniitti, nama qarshii kaffalu dhabe “ni hidhamta; hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun maqaa adda addaa itti moggaasanii doorsisuun harkaa saamaa jiraachuu dubbatu. 

Aanicha guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaan hawaasa dararaa kan turan yoo ta’u, saamicha yeroo yeroon irratti raawwatamuuf hawaasni yaaddoo fi sodaa guddaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

Exit mobile version