• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii Aanaa Martiitti, ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa ji’oota hedduuf hidhanii dararaa kan jiranii fi maqaa “gatii milishaa jedhuunis  saamicha raawwataa jiraachuun ibsame

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024

Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wabeeffachuun gareen faashistii PP saamicha daangaa hin qabne hawaasa irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u karaa biraan  ammoo qonnaan bultoota qonnaa isaanii irraa qabuun milishaa erga taasisanii booda deggarsa jechuun hawaasa harka qullaatti hambisaa jiru.

Ganda Boollamii Arjoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Obbo Jamaal Faatoo fi Obbo Jabaa Aadii jedhaman badii tokko malee ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun ji’oota 7 dura  ukkaamsamanii loltoota sirnichaan butamuun hanga ammaa waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees, ganduma kana keessaa ergamtuu fi lukkeeleen bilxiginnaa milishaa jedhamtu “gatii milishaa fidaa” jechuun torban kana keessa qonnaan bultoota humnaan dirqisiisanii tokkoon tokkoo jiraattotaa irraa midhaan  kiiloo lama lama   fi qarshii digdama digdama  saamaa jiru. Yeroo adda addaatti kaffaltii mootummaan maqaa gosa adda addaa itti dhahuunis qarshii hedduu irraa fudhachaa jiraachuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading