• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun hidhaa fi saamicha cimsanii itti fufan

Jan 31, 2025

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Faashistii PP dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa maqaa dhahachuun hidhaatti darbachuu fi qabeenya uummata nagaa saamuu hammeessanii jiru.

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Daaloo Koomtoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gibiraa da’oo godhachuun saamicha ulfaataa raawwachuun namoota waan fidanii kaffalan dhaban immoo hidhaatti darbachuun dararaa kan jiran yoo ta’u, Amajjii 26, 2025 gibira qarshii 8,000 “kaffaluu qabdu” jechuun hawaasa dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni qarshii gaafataman kana kaffaluu dadhabuun guyyaadhuma kana ukkaamfaman:

  1. Taaffasaa Gannatii, 
  2. Amantee Margaa,
  3. Galataa Hayiluu,
  4. Maammoo Baqqalaa,
  5. Gannatii Gammadaa,
  6. Taaddalee Taammiruu fi kanneen biroo baay’inaan 100 ol ta’an ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading