• Sat. May 9th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti saamichaa fi dararaan waraana maafiyaa PP’n jabaate

Jan 31, 2025

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Milishaan sirnichaa kan sabaan Amaara ta’e namni maqaan isaa Mudiir jedhamu jibba Oromummaaf qabuuf jecha yeroo adda addaatti magaalaa Kamisee keessatti dararaa ulfaataa ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiru, Amajjjii 29, 2025 magaalaa Kamisee keessatti jaarsa biyyaa nama huccuu fi kophee daldalatee of jireessu kan maqaan isaa Aliyyii Usmaan (Caffee) jedhamu badii tokko malee fuula namootaa duratti reebicha suukkanneessoo irratti raawwachuu jiraattotni dubbatu.

Namni kun nama guddaa hawaasa isaa keessatti kabajaa fi jaallatamummaa qabu ta’uu himuun, milishaan sirnichaa kun ammoo Oromummaa isaa qofaan yakkee kan reebe ta’uu fi ammaan duras magaalicha keessatti ilmaan Oromoo hedduu badii isaanii malee sobaan yakkuun hidhaa, saamaa fi reebaa kan ture ta’uu ifoomsan.

Oduu saamichaa ammoo, magaalaadhuma Kamisee keessatti caasaaleen Bilxiginnaa Amajjii 14, 2025 maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun jiraattota harkaa qarshii 500-1000 fudhachaa kan turan yeroo ammaas Amajjii 29, 2025 irraa eegaluun osoo baatii tokkollee hin guutin qarshii 500 afaan qawwee itti qabanii dirqiin jiraattota irraa fudhachaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading