ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Jiraataa aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Girmaa Iddoosaa jedhamu loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee Amajjii 29, 2025 ganama obboroo toora sa’a 12:00’tti mana maatii isaatii gadi fuudhanii rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda, reeffa isaa illee akka maatiin arganii hin fudhanneef gara jabina hamaadhaan hallayyaa gadi fagoo keessatti darbatanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa bakka addaa Hundee Guddinaa jedhamutti Amajjii 28, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Mohaammad Adam jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun, harka isaa duubatti hidhanii dararaa turuun gabaa keessatti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu jiraataan gandichaa gocha dabaa kana ijaan arge tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Kana malees, gandichuma keessaa guyyaa kana Qaasim Mohaammad nama jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan gahuun, mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen himan.
Oduu saamichaan ammoo gandicha keessatti maqaa kaffaltii gibiraan illee hawaasni garmalee dararamaa kan jiru yommuu ta’u, ergamtoonni sirnichaa kunneen maqaa kaffaltii gibiraa dawoo godhachuun saamichaaf hoggaa qe’ee hawaasaatti bobba’anis, nama qarshii irraa fuudhatan yoo dhaban namuma manatti argan qabanii deemuun, hanga abbaan dhimmaa dhaqutti hidhanii dararaa kan jiranii fi tilmaama kaffaltii lafa hektaara tokkotti qarshii 400 tures, seeraan ala qarshii 8,000 hanga 14,000’tti saamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

