ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Shaggar Sitii kutaa magaalaa 12n keessaa miliishonni sirna bututaa Bilxiginnaa walitti dhufuudhaan Bitootessa 9, 2026 mooraa University Gafarsa Gujee keessatti dhimma haala yeroo impaayerattiin keessa jirtuun wal qabatee marii taasisaa akka jiran odeessi keessoo gola Bilxiginnaadhaa miliquun ba’e ni addeessa.
Akka maddeen keenya qabatamoon jedhanitti, lola duumessaa’ee impaayerattii golgee jiruun wal qabatee akkamiin Oromiyaa tiksuu akka danda’an, akkasumas ammoo jabina akkamiin Waraana Bilisummaa Oromoo akka ofirraa qolatan irratti marii maayii hin baasne geggeessaa jiraachuu fi mariin isaanii kunis itti fufaa ta’uun ifoomeera.
Maanguddoota dadhaboo humna hin qabne maatii isaanii irraa dirqamaan qabuun, mooraa waraanaatti guuranii sanuu osoo leenjii ga’aa hin laanneef adda waraanaatti erguun ficcisiisuu, holola sobaa humna isaanii arbeessuun akka waan milishonni Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan osoo injifachuu danda’anitti hamileessuuf yaaluu irra kan darbe dhugumatti dhaaba jabaa uummata bal’aa bakka bu’e kana dhabamsiisuun abjuu bara beelaadha, qalmaaf qopheessuu irra kan darbe homaa waan uuman hin qaban jedhu maddeen keenya dabaluun.
Daa’imman umriin isaanii addunyaa waraanaaf hin geenye, qonnaan bultoota, barattootaa fi hoj-dhabdoota bakka oolmaa dargaggootaa deemanii adamsuudhaan mooraa waraanaa impaayerattii gabbisuutti dhala namaa lafarraa duguugaa jiraachuun murna gabroomfataa PP haqa mul’ataadha.




