Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa daa’imman 4 ukkaamsuun hidhaatti darbatan

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Moloo iddoo addaa Mokofa jedhamu keessaa jaleewwan Bilxiginnaa Amajjii 30, 2026 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun daa’imman 4 badii tokko malee qe’ee maatii isaaniitii ukkaamsanii hidhaatti darbachuun maatii isaanii ammoo reebicha ulfaataa irraan ga’anii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maqaan daa’imman kanneeniis:

  1.  Abdii Dinqaa,
  2.  Shallamuu Nuurfataa,
  3.  Yoseef Borcaa fi
  4. Barkumee Darajjee ta’uun eeramee jira.

Kana malees, ganduma kana keessatti naamusa maleeyyiin loltoota PP kunneen Amajjii 26, 2026 “dawoo Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun bosona gandicha keessatti argamutti ibidda shidanii barbadeessuun, qabeenyaa hawaasa naannichaa kan ta’es midhaan nyaataa Daagujjaa tuullaa tokkoo fi qabeenyaa kanneen biroo qonnaan bulaa maqaan isaa obbo Abiree Addunyaa jedhamu jalaas gubanii mancaasuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Exit mobile version