Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu, saamuu fi reebuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Aallee Gordommoo bakka Aallee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa Bitootessa 22,2025 mana cidhaatti itti seenuun “Waraana Bilisummaa Oromootu as bule” jedhanii namoota maqaan isaanii; Lammaa Bashuraa, Nugusee Lammaa fi maatii isaanii guutummaa irratti reebicha raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, guyyaadhuma sana bakkuma sana irraa lukkeeleen Bilxiginnaa nama maqaan isaa Cimdeessaa jedhamuu fi kanneen biroo hedduu jalaa bilbiloota saamanii deemuu fi lukkuu namoota hedduu humnaan fudhatanii mana barumsaa Aallee Gordommoo jedhamu keessatti galchuun mana manarra deemanii dirqamaan hawaasa irraa buddeena 2-2 guuraa turuun isaanii himamee jira.

Aanaadhuma kana ganda Haroo Caalchis jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa torbee darbe keessa nama maqaan isaa Moo’isaa Amsaaluu jedhamu jalaa meeshaalee hedduu inni dukkaanaaf magaalaa Naqamtee irraa bitatee harreetti fe’ee galaa ture jalaa saamuun dabalataan ibsamee jira.

Exit mobile version